Guutinsi bishaanii marsaa 2ffaan biyyoota yaa’a gadiirratti miidhaa akka hin uumne qabatamaan kan agarsiisedha- Ministeera Dhimma Alaa

73

Finfinnee Adooleessa 15 / 2013( TOI) - Guutinsi bishaanii Hidha haaromsaa guddicha Itoophiyaa marsaa 2ffaan biyyoota yaa’a gadiirratti miidhaa akka hin uumne qabatamaan kan agarsiise ta'uu Ministeera Dhimma Alaa FDRI beeksiseera.

Dubbii Himaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Diinaa Muftiin ibsa kennaniin Guutinsi bishaanii Hidha Haaromsaa marsaa 2ffaan biyyoota yaa’a gadiirratti miidhaan geessisu akka hin jirre qabatamaan agarsiisera jedhaniiru.

Filannoo biyyaaleessaa Itoophiyaa marsaa 6ffaan karaa nagaan fi dimokiraatawaa xummuramuu isaatti hoggantoonni biyyoota adda addaa Ministiri muummee FDRI'f ergaa baga gammaddanii dabarsuu isaanii ambaasaaddar Diinaan himaniiru.

Itti aanaan Ministira muummee Obbo Dammaqaa Mokonniin gaanfa Afrikaatti bakka bu'aa Gamtaa Awuurooppaa waliin wal arganii mari'achuu isaaniis himaniiru.

Marii kanaanis haalaa adeemsa Filannoo biyyaaleessa marsaa 6ffaa, Dhimma hidha haaromsaa fi haala yeroo naannoo Tigiraay irratti ibsii taasifamuufii himaniiru.

Ergamaa addaa kanaaf dhiibbaa Gamtaan Awurooppaa Itoophiyaarran gahaa jiru sirrii akka hin taane ibsameera jedhaniiru dubbi himichi.

Ambaasaaddaroonnii fi Imbaasiiwwan biyyoota garaagaraatti argaman hojii dippiloomaasii hedduu hojjechuu himaniiru.

Dippiloomaasiin lammiileerratti xiyyeeffate bal’inaan hojjetamuu kaasaniiru.

Hanga ammaatti lammiileen kumni 41 Saa’ud Arabiyaa gara biyyaa deebi’uu ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015