Ibsa Misiraachoo Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa - ENA Afaan Oromoo
Ibsa Misiraachoo Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa

Finfinnee, Adooleessa 12/2013 (TOI) – Bulchiinsi mootummaa naannoo Oromiyaa guutinsa bishaanii hidha Haaromsaa guddichaa marsaa 2ffaa sababeeffachuun erga baga gammaddanii dabarse.
Guutiinsi bishaanii hidha haaromsaa guddicha Itoophiyaa marsaa 2ffaa milkiin xumuramuu isaaf baga gammaddan jedheera.Guutuun ibsichaa haala armaan gadiin dhiyaateera.
Ibsa Misiraachoo Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa
Guutiinsi bishaanii pirojeektii hidha haaromsaa guddicha Itoophiyaa marsaa lammaffaan milkaa'inaan goolabamuusaatiin baga gammaddan, baga waliin gammanne, baga injifanne.
Pirojeektiin Hidha Haaromsaa andhuuraa dhaloonni har'aa abuureedha. Sabbata mudhii ummattoota Itoophiyaa hunda walitti hidheedha. Hora gootummaafi siidaa injifannoo Adwaa har'aati.
Ummanni naannoofi biyya keenyaa ijaarsa hidha haaromsaa milkeessuuf Lukkuu hanga Lubbuutti gumaachitan seenaa haaraa tokko galmeessuu keessaniif mootummaan Naannoo Oromiyaa irra deebiin baga gammadan, baga milkoofne jechuu fedha.
Akkuma kaleessa jaarraa tokkoon dura irree gamtoomeen bobbaanee dirree Adwaarratti weerartoota injifanne, har'as mudhiin lammiilee saqqiifi sabbataan cimee hidhatame injifannoo Adwaa lammaffaa jaarraa digdamii tokkoffaa nu galmeessiseera.
Kabajamaa ummata Naannoo keenyaa, Qormaatonni daran heddummaatanis, shirri ijaarsa hidha haaromsaa gufachiisuuf guyyaa gara guyyaatti bocamu baay'atus, hirmaannaa dagannaa tokko malee gochaa turtaniif Galata guddaa qabdu.
Gumaacha hanga ammaatiin maallaqaan bil. 2.2 ol milkeessitaniittu. Boroofi balbalaa hanga sulula gurguddaatti biqiltuu dachee uwwisaa jirtu. Dhiqama biyyeefi gogiinsa hir'isuuf boqonnaa malee hojjechuurratti argamtu. Kanaafis Galata dachaa qabdu.
Kabajamaa ummata Naannoo keenyaa, Humni Juntaa aangoo saamichaaf itti fayyadamaa ture maallaqa sabbata haayyoo, harka daa'imaa, kiisa maanguddoofi qabeenya lammiilee hundaarraa ijaarsa hidha haaromsaatiif walitti qabame qorqee wayita badutti abdii osoo hin kutatin obboloota keessan waliin tumsi taasiftan galmee seenaarratti Iddoo ol'aanaa qabatee jiraata.
Humnoonni alaa misoomni keenya ija isaan dhukkubsuufi mataa isaan bowwaafachiisu duula diigumsaa addaan hin cinne Wayita labsan, caalmaatti honnachuufi gumaata hidha haaromsaa dachaan guddisuun keessan hiree Birmadummaa keessaniif waardiyyaa dhaabbachuu keessan agarsiiseera.
Diyaaspooraan dippilomaatii kabajaafi Birmadummaa biyyaaf falmuufi galtuufi gantuu saaxilus bara adda itti baheedha. Addasaa kennee mirgaafi faayidaa lammiileefi biyyaatiif dhaabbachuusaatiin kabaja seenaa keessatti Iddoo ol'aanaa qabu galmeeffateera.
Kabajamtoota Ummattoota biyya keenyaa, Guutiinsi bishaanii marsaa lammaffaa hidha haaromsaa kun ibsituu humna waltahiinsa Ummattoota biyya keenyaati. Kun ammoo calqabbii olkahiinsa Itoophiyaati. Gaarri gamtaan hojjennee olbahuu qabnu hedduutu nu hafa.
Abbaay ifa qofa osoo hin taane dinagdeen ol nu qabuuf harka bal'isee nu eegaa jira. Kanaafuu tumsa hundagaleessa Kan kanaan duraarra caalu gochuuf of qopheessuu qabna.
Kabajamaa ummata Naannoo keenyaa, Waamicha misoomaa, nageenyaafi ijaarsa biyyaa hunda fudhattanii, hirmaannaa hanga ammaatti gumaachitaniif Galata guddaa qabnu ibsina.
Carraa kanaan, injifannoo dabalataa galmeessuudhaan umrii hiyyummaafi boodatti hafummaa gabaabsuudhaan badhaadhina hundagaleessa milkeessuuf akkuma kanaan duraa irree gamtoomeen akka hojjennuuf waamicha dabarsina.
Nuffii malee Hojjennee badhaadhina ni milkeessina!!!!!
Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa
Adoolessa 2013 Finfinnee.