Diree dawaatti boolli bishaan dhugaatii qulqulluu 4 tajaajilaaf gahan.

Finfinnee, Adooleessa 7/2013 (TOI) - Magaalaa Dirre dawaatti bara bajataa xummurame kana boolli bishaan dhugaatii qulqulluu birri miiliyoona 53 qotame 4 tajaajilaaf gahuu isaa abbaan taayitaa bishaani fi dhangala'oo magaalichaa beeksiseera.

Jiraatoonni magaalichaa Tajaajilli Oduu Itoophiyaa dubbise gama isaaniin magaalicha bakka tokko tokkootti rakkoon bishaanii mudachaa jira.

Ogeessi qunnamtii ummataa Abbaa Taayitaa bishaanii fi dhangala'oo magaalichaa obbo Miliyoon Sibaat Tajaajila Oduu Itoophiyaatti akka himanitti bara bajataa xummuramee kanatti waliin gahinsa bishaan dhugaatii qulqulluu magaalichaa fooyyeessuuf boolli gad fagoo bishaan dhugaatii qulqulluu irra argamuu haaraan qotamaniiru.

Bajata bulchiinsa magaalichaa fi Fandii Bishaanii irraa argame birri miiliyoona 53'n kan qotaman boolli gad fagoo 4 hojiin isaanii xummuramee humna guutuun tajaajila kennu akka jalqaban himaniiru.

Boolli bishaan dhugaatii qulqulluu kun sakandiitti bishaan liitira 213 oomishuun waliin gahiinis bishanii magaalicha akka fooyya'uu taasisaniiru.

Dabalataniis sararaa bishaan ittin daddarbuu kilomeetira 18 diriirsuun gara hojiitti jalqabuu himaniiru.

Boolli bishanii 4 qotamanii gara hojiitti galan kuneen walii galaan waliin gahiinsa bishaan dhugaati magaalicha harka 60 irra ture gara harka 64 ol guddiseera jedhameera.

Rakkoon jiraatoonni magaalichaa yeroo ammaa himataanis sirri ta'uu obbo Miliyoon himaniiru.

Rakkichi kan umame sababaa rakkoo sararaa bishaan dadabarsu irra gaheen ta'uu himanii yeroo torban tokkoo hin guunne jedduutti kunis akka sirrahuu himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015