Har'a irraa eegalee Simintoon gabaa bilisaan akka gurguramu murtaa'e.

97

Finfinnee Adooleessa 07/2013 (TOI)- Qajeelfamnii gabaa Simintoo murteessuu fi hojii gabaa fi indastirii kan ture har'a irraa jalqabee akka hafu murtaa'uu isaa Minsiteerri gabaa fi Indastirii beeksiseera.

Minisiteerichatti daarektarri to'annoo gabaa fi qorannoo meeshalee obbo Kaasahuun Mulaat ibsa har'aa kennaniin akka beeksisaanitti hara'a irraa jalqabee simintoonni yeroo hin murtoofneef gabaa bilisaan akka garguramuu murtaa'eera.

Sababaan murteen kun murtaa'eefis yeroo gannaa kana hojiin ijaarsaa waan hir'atuuf oomisha simintoos kan barbaadu waan xiqqatuuf akkasumas rakkoo simintoo jiru furuuf warshaalee waliin walii galuun waan danda'ameef jedhameera.

Dabalataniis hanqinni Simintoo akka hin mudanneef mootummaan oomisha Simintoo alaa galchuuf murteessuu fi warshaaleenis oomisha isaanii akka dabalan taasifamaa waan jiruuf ta'uu obbo Kaasahuun himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015