Bu’aan qorannoo balaa hanga beekamutti qaamni kamuu odeeffannoo dogoggoraa kennuurraa akka of qusatu daandiin qilleensaa hubacchiise - ENA Afaan Oromoo
Bu’aan qorannoo balaa hanga beekamutti qaamni kamuu odeeffannoo dogoggoraa kennuurraa akka of qusatu daandiin qilleensaa hubacchiise
Finfinnee Bitootessa 13/2011 Qorannoon balaan daandii qilleensaa Itiyoophiyaa booying 737 maaksi irra ga’ee hanga qulqullaa’utti qaamni kamuu odeeffannoo dogoggoraa kennuurraa akka of qusatu hubachiise.
Fuula weebsaayitii gaazexaa Niwyoorki taayimsi irratti `` daandiin qilleensaa Itoophiyaa maaksii 8 siimuleeter irra balaan ga’e balaliisaan xayyaarichaa leenjii hin fudhanne`` jechuun gabaasa balaliisaan leenjii ga’aa akka hin fudhanne dhiyeessuun dogoggora ta’uurra darbee daandii qilleensichaa kan gaddisiise dha jedhaniiru.
Daandiin qilleensaa Itoophiyaa Addunyaarratti nageenyummaa balali’uutiin daandii qilleensotaa beekaman keessaa adda durummaan eerama.
Haa ta’u malee Bitootessa 1/2011daandiin qilleensaa Itoophiyaa xiyyaarri booying 737 maaksi Finfinnee irraa gara Naayiroobii utuu deemaa jiruu balaan irra ga’uun namoota biyyoota 35 irraa lubbuun imaltoota 149 fi keessummeessitoota balaliisaa 8 akka darbe ni yaadatama.
Ji’oota muraasa dura qabeenyummaan isaa kan Indooneejiyaa kan ta’e xiyyaarri booying 737 maaksi 8 handhuura biyyattii Jaakartaa irraa erga ka’ee daqiiqota muraasa booda kufee caccabuun lubbuu namoota 189 galaafachuun isaa ni yaadatama.
Balaan kun qabeenyummaan isaa kan daandii qilleensaa Itoophiyaa kan ta’e xayyaarri booying 737 maaksi 8 waliin walfakkeenyummaa kan qabu waan ta’eef daandiiwwan qilleensotaa Addunyaa xiyyaarota booying maaksii kan qaban balali’uun ala taasisaniiru.
Ka’umsi balichaa qoratamaa kan jiru yoo ta’uu, miidiyaaleen biyya alaa ka’umsa balichaarratti tilmaama garaagaraa ka’uu itti fufaniiru.
Daandiin qilleensaa Itiyoophiyaa ibsa tajaajila oduu Itiyoophiyaatiif ergeen akka beeksisetti, balaliiftonni Booying 737 maaksi saddet booyingiin akka baasettii fi bulchiinsi Aviyeeshiniin federaalaa akka raggaasisetti booyingi 737 EN JN fi booyingi 737 maaksi addummaa qaban irratti leenjii ga’aa fudhataniiru.
Booyingiin 737 maaksii gara daandii xiyyaarichaatti utuu hin galiin dursee balali’uu utuu hin jalqabiin dura balaliisotaaf leenjii ga’aan kennameera.
Bulchiinsi Aviyeeshinii federaalaa Ameerikaa kan Indooneeziyaatti laayin er balaa ga’ee ilaalchisee dabalataan haala qajeelfama leenjiitiin balaliisota hundumaaf ibsa sadarkaa isaa eeggate taasisuu isaa daandiin qilleensaa Itiyoophiyaa beeksiseera.
Qabiyyeen qajeelfamichaa maanuwaal leenjii, qajeelfama tokkoo tokkoo opireeshinootaa fi hojii guyyaa guyyaa irratti akka galudha kan ibsame.
Haa ta’u malee bu’aan qorannoo balichaa utuu hin beekamiin miidiyaalee garaa garaa irraa gabaasni dogoggoraa ba’aa jiru sirrii akka hin taanee fi miidiyaaleen biyya keessaas ta’e alaa odeeffannoo dogoggoraa tamsaasuurraa akka of eegan daandiin qilleensaa hubachiiseera.