Ambaasaaddar Wayinisheet Taaddasaa xalayaa muudama isaanii dhiiheffatan

57

Finfinnee, Adooleessa 6/2013 (TOI) - Rippabilikaa Dimookiraatawaa Koongootti ambaasaaddara guutuu FDRI ta'an kan muudamaan Ambaasaaddar Wayinisheet Taaddasaa xalayaa muudama isaanii pireezidaantti Riippabilika Dimookiraatawaa Koongoo Fileekis Tishikideetti dhiheeffatan.

Yeroo kanatti ambaasaaddar Wayinisheet pireezidanticha waliin halaa walitti dhufeenya biyyoota lamaanii caalaatti cimsuun danda'amu irratti maria'ataniiru.

Dabalataanis dhimma hidha haaromsaa guddicha Itoophiyaa ilaalichisuun yaadaa ijaaraa mana maree nageenya mootummoota gamtoomaniirratti karaa Riippabilika dimookiraatawwaa Koongoo dhihaateef Ambaasaaddar Wayinisheet galateeffataniiru.

Itoophiyaa fi Koongoon biyyoota walitti dhufeenya yeroo dheeraa qaba yoo ta'uu Imbaasiin cufamee ture irraa deebiin banamuun isaa walitti dhufeenya jiru caalaatti cimsuuf kan gargaarudha jechuun Waajjiri ministeera dhimma alaa ibseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015