Pireezidaantiin FDRI Saayilawariq Zawudeen agarsiisa “ Ce'umsa gara diinagdee beekumsaan hogganamuutti’' jedhu qopha'ee banaan.

Finfinnee, Adoolessa 5/2013(2013(TOI) - Pireezidaantiin FDRI Saayilawariq Zawudeen agarsiisa “ Ce'umsa gara diinagdee beekumsaan hogganamuutti’' jedhu qopha'ee banaan.

Pireezidaanti Saayilewariq agarsiisa ministeerri saayinsiifi barnoota olaanoo qopheessan daawwataniiru.

Kaayyoon Konveeshinii hariiroo qorannoo barnoota, teeknooloojii fi indaastirii hojiiwwaan qorannoo kanneen itti fayyadamaniin gahuu fi akkasumas lammileen gahuudha waan ta'eef fayidaan isaa guddadha jedhaniiru.

Kanaaf kanneen dhimmi ilaallatu waliin gahiinsa isaa,fi milkaa'ina isaaf cimanii hojjechuu qabu jedhaniiru.

Agarsiifiin Yuunivarsiitoota adda addaa kan Minsiteerri saayinsii fi barnoota olaanoo qopheesse kun guyyoota 3 kan turu ta'uu ragaan waajjira Pireezidantii FDRI irraa argame ni agarsiisa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015