Obbo Dammaqaan Ministira Alaa Meeksiikoo waliin mari’atan

49

Finfinnee, Adooleessa 2/2013 (TOI) – Itti Aanaan Ministiraa Muummee fi Ministirri Dhimma Alaa FDRI obbo Dammaqaa Makonniin Ministira Dhimma Alaa Meeksiikoo Maarseelloo Ibraarid waliin Intarneetiin mari’ataniiru.

Hariiroo fi tumsa biyyoota lamaanii bara dheeraa haala cimsuun danda’amurratti mari’ataniiru.

Mariin sadee Hidha Haaromsaa mariisiisummaa Gamtaa Afrikaan itti fufuun furmaata argachuu akka qabu marii isaaniin kaasaniiru.

Obbo Dammaqaan haala waqtaawaa Itoophiyaa ilaalchisee ibsa taasiisaniiru.

Sarbama mirga namoomaa naannoo Tigraayiitti qaqqabe jedhame Komishiniin mirga namoomaa Itoophiyaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii waliin ta’uun qorachaa jiraachuu himaniiru.

Obbo Dammaqaan dhiibbaan tarkaanfii kana tilmaama keessa hin galchine fudhatama kan hin qabne ta’uu hubachiisuu isaanii ragaan Ministeeraa Dhimma Alaarraa argame ni agarsiisa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015