Tamsaasa Kallatti:

Ijipti guutinsi bishaani hidha haroomsaa akka raawwatamu dursite osoo beektuu yeroo hundaa dhimma haaraa fakkeessu yaalti- marii Ijaarsa hidha haroomsarratti bakka bu’aa Itoophiyaa Injinar Geediyoon Asfaawu

Finfinnee Adoolessa 01/2013(TOI)- Ijipti guutinsi bishaani hidha haroomsaa akka raawwatamu dursite osoo beektuu yeroo hundaa dhimma haaraa fakkeessu yaalti- marii Ijaarsa hidha haroomsarratti bakka bu’aa Itoophiyaa Injinar Geediyoon Asfaawu

Ijaarsa hidha haroomsaatti miseensa koree marii sadeenifi walitti qabaa koree teeknikaa biyyalessaa ijaarsichaa Injinar Geediyoon Asfaawu akka himanitti, Itoophiyaan guutinsa bishaani hidha haroomsaarratti yaadni haaraan fidde hin jiru.

Akkaataa dursee karoorfameen waqti gannaatti guutinsi bishaani marsaa 2ffaan raawwatamaa jira jedhan.

Ijipti guutinsi bishaani marsaa 2ffaan dinqisiifamuu hin qabdu kan jedhan Injinar Geediyoon, mala dhimmicha miidiyaalee isaaniin afarsuu hordofu, ammattis rakkoo walfakkataan akka kana isaanirratti mul’ata jedhaniiru.

Dhimma ijaarsa hidha haroomsaa gara siyaasaatti jijjirunifi mana maree nageenyaa dhaabbata biyyoota gamtoomanitti geessuun bu’aa siyaasaa argachuu barbaddis jedhaniiru.

Guutinsi bishaani marsaa 2ffaa ilaalchisee Itiyoophiyaan guyyaa hin eerre kan jedhan Injinar Geediyoon, baatii Adoolessaafi Hagayyaa keessa karoorri ni raawwatama jedhu akka ture himaniiru.

Xalayaan ijaarsa hidha haroomsaa ilaalchisee Ijiptiif barreeffamees beeksisuuf qofa akka ta’ees himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015