Itoophiyaan dhiibbaa COVID -19 geesise irra damdamachuuf biyootaa fi dhaabbilee gargaraa waliin hojjechaa jirti jedhame.

74

Finfinnee, Wxabajjii 30/2013 (TOI)" Waltajjiin gamtaa teleekominikeshiniin qopha'ee kan mata duree ''Gamataa Dijitalaa dhiibba COVID-19 xiqqeessuu fi damdamachuu'' jedhuu geggeeffame.

Walitajjiin kun weerara Vaayirasii Koroonaa sadarkaa Addunyaatti mudate dhiibbaa isaa xiqqeesuu fi damdamachuuf Infoormeeshin tekinolojiin gahee inni bahuu danda'u hawaasaaf hubannoo kennuu fi jijjiirama qabatamaa Dijitaal Tekinolojiirraatti fiduuf kan qopha'eedha jedhameera.

Deetan ministeera Innoveeshifi Tekinolojii dooktar Ahimaddiin Mahaamad sababaa dhiibbaa Vaayirasii Koroonaan Dinagdee Addunyaa miidhame suphuuf walta'iinsa dijitalaa fi walitti dhufeenya gama Intarneetiin jiru cimsuun barbaachisaa ta'uu himaniiru.

Itoophiyaan karaa walta'insa Dijitaalaan Baankii Addunyaa, Gamtaa Awurooppaa, Awustiraaliyaa fi biyyoota fi dhaabbilee biroo waliinis walta'uun hojjechaa akka jirtu himaniiru.

Itoophiyaan hojii foyya'insaa taasifteen qunnamtii karaa Intarneetii irratti rakkoon jiru kan furamee yoo ta'u caalaatti foyyeesufis ammaa hojjetama jirachuu deetam minsteerichaa himaniiru.

Itti anaan hojii geggeessa dhaabba gargaarsaa Yuniseef Faayaz Kiingi akka jedhanitti sadarkaa addunyaatti sababaa Vaayirasii koroonaatiin baratoonnii biiliyoona 1.6 ta'an barnoota isaanirra kan hafaan yoo ta'u rakkoo kana furuuf karaa Intarnetii akka barnoota isaanii hordofaniif dhaabbatichi hojjechaa akka ture.

Waltajji kana irratti hoggantoonnii dhaabbata mootummoota gamtoomanii fi biyyoota gargaara kan hirmaatan yoo ta'u dhiibbaa vaayirasiin korooronaa addunyaa irraan kallatti gargaaran geesisee damdamachuuf tarkaanfiwwan fudhataman irratti mari'ataniiru.

Maddi:- Ministeera Innoveeshinii fi Tekinoolojii

552 SharesLikeCommentShare

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015