Aadde Adaanech Abeebee daa’imman kuma waliin biqituu dhaaban

Finfinnee Waxabajji 26/2013(TOI) - Itti aantun kantiibaa magaalaa Finfinnee aadde Adaanech Abeebee daa’immaan waliin biqiltuu dhaaban.

Itti aantuun kantiibaa bulchiinsa magaalaa Finfinnee aadde Adaanech Abeebee magaalattiitti kutaalee magaalaa garaagaraa irraa daa’imman dhufan kuma tokkoo wajjiin biqiltuu dhaabuun isaanii beekameera. ‘’

Koottaa Finfinnee uwwifnaa’’ yaada jedhuun sagantaan ashaaraa magariisaa biqiltuu dhaabuu kan jalqabame yoo ta’u har’a kutaa magaalaa dheekkaa naannawaa Faransaayi Guraaraa jedhamuttu dhaabameera.

Sgantaa ganna bara Kanaan sadarkaa Finfinneetti biqiltuu miiliyoona 7.5 dhaabuuf karoorfameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015