Tamsaasa Kallatti:

Albamni Artist Hacaaluu Hundeessaa sadaffaan guyyaa kaleessaa, bakka maatii, jaallattoonnii isaa fi keessummoonni argamanitti magaalaa Finfinneetti eebbifameera.

Finfinnee, Waxabajjii 22/2013(TOI) - Yaadannoo du'a weellisaa Oromoo humna dhiibbaa guddoo qabaachuun beekamu Art. Haacaaluu Hundeessaa waggaa tokkooffa sababeeffachuun aalbamni isaa inni sadaffaan osoo hojjichaa jiruu irraa wareegame maatiifi hiriyoota isaan xumuramee kaleessa Finfinneetti eebbifamera.

Sirna kana eebbafa albeemaa muuziqaa sadaffaa fi sirna yaadannoo wareegamuu waggaa tokkooffa isaa Finfinnee Hootela Iskaay Laayititti qopha'ee kana irratti maatii, Hiryootaa fi dinqisifatoonnii isaa akkasuma keessummoonni waamichi taasifameef argamaniiru.

Artisit Haacaaluuu Hundeessaa bara darbe baatii Waxabajjii keessa gaafa guyyaa 22 Finfinneetti ajjeefamuun isaa ni yaadatama.

Haacaaluu Hundeessaa kanaan dura albaama Muuziqaa lama kan qabu yoo ta'uu albaama sadaffaa osoo hojjetuu irraa wareegameera.

Albaamaa kana Maatii fi hiryoonni isaa hojii isaa xummurisiisuun mata duree 'Maalii Mallisaa' jedhuun eebbisaniiru.Albaamni sadaffaa Artisit Haacaaluu Hundeessaa kun sirboota 14 kan ofkeessaa qabu yoo ta'uu yeroo jalqabaaf siidiwwaan 3000 maxxanfamanii gabaaf akka dhiiyataan himameera.

Sirna kana irratti Maatiin artisit Haacaaluu milkaa'uu hojii isaa kanaaf kanneen deeggarsaa taasisaniif hundaa galateeffataniiru.

Walleewwan Haacaaluun yeroo lubbuun jiru dalage maatii fi hiriyyoonni isaa walitti qabanii akka ummataaf gahan Kibxata, eegale CD'dhaan biyya keessatti gabaaf dhihaatu jedhameera.

Sagantaa hoteela SkyLight keessatti qophaa'e irratti maatiin isaa haqni Hacaaluu akka barbaadamuuf dhaamaniiru, kanneen maqaa isaan daldalan jedhanis akka dhaaban gaafatan.

Sirnicha irratti Faawoondeeshiniin Artist Haacaaluu Hundessaa hundeeffamee jira.Muldhanii Faawoondeeshinichaa Aartiifi muuziiqaan hojii tola ooltummaa milkessuudhaas jedhameera.

Ergamni isaas guddina muuziiqaaf hojjechuun tola ooltummaa karaa aartiin duudhaa Artisitichaa itti fufsiisudha jedhameera.

Faawoondheeshiin kunis eegumsa mirga namoomaa karaa Aartiifi muziiqaan akka fiixa bahu gochuufi Jiddu gala Muuziqaa fi Aadaa ijaaruun dargaggootaaf carraa hojii uumuu akkasumas loogiiwwan muuziqaa biyyanarratti jiru hambisuun muuziiqaan sabootaa akka irratti hojjatamuufi walqixxuummaa sabaafi sablammootaa dhugomsuuf hojjeeta jedhameera.

Dorgommiwwan Maqaa Artist Haacaaluu Hundeessaan qopheessuun badhaasuufi tajaajila hawaasummaan barnoota, fayyaa bishaan dhugaatiifi aadaa milkessuufi artistoota manatti hafan deeggaruuf hojjeetas jedhameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015