Imbaasiin Itoophiyaa Qaataar Doohaatti argamuu sagantaa “Itoophiyaa, Biyya Uumaa Addunyaa ” jedhu qopheesse. - ENA Afaan Oromoo
Imbaasiin Itoophiyaa Qaataar Doohaatti argamuu sagantaa “Itoophiyaa, Biyya Uumaa Addunyaa ” jedhu qopheesse.
Finfinnee, Waxabajjii 16/2013(TOI) -Imbaasiin Itoophiyaa Qaataar Doohaatti argamuu sagantaa “Itoophiyaa, Biyya Uumaa Addunyaa ” jedhu qopheesse.
Imbaasichi sagantaa qopheessa kanaan aadaa,duudhafi qabeenya Tuurizimii Itoophiyaan qabdu hojii beeksisu hojjechuu himeera.
Sagantaa kanarrattis Ambaassaaddarroni biyyoota garagaraa Qaataar Doohaatti argaman, dhaabbilee Idila Addunyaa, hooggantoota olaanoo, hayyoota yuunvaarsiitiifi gaazexeessittoonni irrratti argamaniru.
Qaataar Doohaatti Ambaasaaddarri Itoophiyaa Saamiyaa Zaakariyaa haasaa taasisanin Itoophiyaa biyyaa seenaa dheeraa qabdufi biyyaa biilisummaa ishee eeggachuun as geesse ta’uu himan.
Kanamalees, biyya aadaa seenaa,aartii,Afaanfi qabeenya biros uummataa Addunyaaf gumaachiite ta’uus himaniiru.
Akkasumas Itoophiyaan biyya hambaalee qaqqabamanii 13fi hin qaqqabamne 12 Dhaabbataa Biyyoota Gamtoomantti dameen Barumsaa, Saayinsiifi Aadaa {UNESCO}tti galmeessiftee ta’uus himaniiru.
Kanaaf Itoophiyaan dame Tuuriziimifi qabeenya Inveestimantii guddaa waan qabduf uummanni Addunyaa biyyatti daawwachuu qabdu jechun waamicha dabarsaniiru.
Sagantiichis aadaa,duudha,seenaa,amantaa,aartiifi qabeenya uumamaa,biyyattin qabdu irratti ibsi bal’aan kennameera.
Hirmaattoonni sagantiichas hubannoo gaarii argachuus himaniiru.