Tamsaasa Kallatti:

Manni barnootaa Waajjira Giifti dureen ijaarame inni 17ffaan Godina Shakkaatti eebbifame.

Finfinnee ,Waxabajjii 10/2013(TOI)- Manni barnootaa waajjira giifti dureen ijaaramee inni 17ffaan naannoo Saboota, Sab-lamootaafi ummaatoota kibbaa Godina Shakkaa aanaa Maashaatti eebbifame.

Mannii barnootaa sadarkaa lammaaffaa Dagalee jedhamuu kun bakkaa Ministirri Muummee FDRI dooktar Abiy Ahimad fi giifti duree Zinaash Taayyachoowu argamanitti eebbifame jedhameera.

Manni barnootaa waajjira giiftii dureen ijaaramee har'a ebbifame kun naannichatti isaa sadaffaadhas jedhameera.

Manneen barnootaa sadarkaa 2ffaa sadaan kun birrii miiliyoona 30 kan ijaaraman yoo ta'u
Mana barnoota sadarkaa 2ffaa Godina Omoo kibbaa Aanaa Hamaritti ijaaramee, mana barnoota sadarkaa 2ffaa godina Geedoo aana Gadaabitti ijaaramee mana barnoota har'a eebbifamedha.

Manni barnoota sadarkaa 2ffaa har'a eebbifame Dagaleen kutawwaan barnootaa 8 gamoo bulchiinsaa, Kutaa yaalii barnootaa, Mana kitaabaa, Kutaa laabiraatorii Kompuuraa ofkeessaa qaba.

Waajjirri giifti duree guyyaa eebba mana barnoota kanas meeshalee barnoota gosa adda addaa mana barnootichaa fi baratootaaf kenneera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015