Manni marichaa wixinee labsii baajata 2014 dhiyaate irratti mari,atee Koree Dhaabbiif qajeelche

Finfinnee, Waxabajjii 8/2013 (TOI) – Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa wixinee labsii baajata bara 2014 dhiyaate irratti mari’achuun koree Dhaabbii dhimmoota Galii, Baajataa fi Faayinaansiif qajeelcheeera.


Ministirri Maallaqaa obbo Ahimad Shiideen wixinee labsii bara 2014 ilaalchisee miseensota Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataaf ibsa kennaniiru.


Manni marichas ibsa dhiyaateerratti gaaffii fi yaada qaban dhiyaaseera.
Afaya'iin mana maree bakka bu'oota uummata Taggasaa Caafoo gaaffii miseensota mana maree irra ka'eef deebii fi ibsa kennaniiru.


Wixinichi labsii lakkoofsa 17/2013 ta’uun koree dhaabbichaaf qajeelfameera.

Diinagdeen Itoophiyaa bara baajata dhufutti % 8.7 akka guddatuu fi qaali’insii jireenya gara diijjiitii tokkotti gad bu'aa jedhan Ministirri Maallaqaa obbo Ahimad Shiideen.

Obbo Ahimad diinagdeen Itoophiyaa waggaa darbe rakkoo keessatti guddinaa harka 6.1 galmeessuu himan.

Baajannii ramadamees harki caalaan Daandii,Barnootaa, Fayyaa, Misooma magaalaafi dhimmoota barbaachisoo ta’aniif hojiirraa oolas jedhaniiru.

Haaluma kanaanis wixineen labsii baajata bara 2014 mootumaa Feederaalaaf birrii biiliyoona 162.17,baajata Kaappitaalf birrii biiliyoona 183.55 akkasumas baajanni naannooleef birrii biiliyoona 203.95 akka ta’uufi baajata misooma itti fufiinsa raawwachisuuf birrii biiliyoona 12 ta’uun mana mariichaf dhiyaateera.

Dabalatan baajanni Mootummaa Federaalaa waliigalaan gargaarsaa biyyaa alaa dabalate birrii biiliyoona 435.9 ta’uus himan.

Baajanni qabamee kunis birriin biiliyoona 369.1 kan ta’uu galii biyyaa keessa irra kan argamuu akka ta’uufi baajanii birrii biiliyoona 123.7 gargarsaafi liiqaa irra argamaa jedhameera.

Manni marichaas marii gara garaa erga taasiseen booda qaacceffamee akka ilaalamuuf qaama dhimmi ilaalutti dabarsuun himameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015