Atleet Latasanbat Giday fiigicha Meetira kuma 10'n rikardii Addunyaa haaraa galmeessite

78

Atleet Latasanbat Giday fiigicha Meetira kuma 10'n rikardii Addunyaa haaraa galmeessiteFinfinnee, Waxabajjii 2/2013 (TOI) – Atleet Latasanbat Giday dorgommii fiigicha meetira kuma 10'n rikardii addunyaa haaraa galmeessite.

Rikardii haaraa guyyaa sadi dura Siifan Hasaniin qabamee ture Latasanbat fooyyeessiteerti.

Riikkardii meetira kuma 10 daqiiqaa 29 seekoondii 6 fi maaykiroo seekoondii 82 Siifan Hasaniin qabamee ture dorgommii eda galgala Neezarlaand Heengoolootti gaggeeffameen Latasanbat Daqiiqaa 29 seekoondii 1 fi maaykiroo seekoondii 3 fooyyeessuun sa’aatii ariifataa addunyaa haaraa galmeessuu dandeesseerti.

Atleet Latasanbat Rikardii fageenya meetira kuma 5 addunyaas isheetu hinjifatee haga ammaatti jira.

Kanaanis addunyaarratti Atleet Ingiriid Kiriistasanitti aantee ishee jalqabaa taateerti.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015