Dooktar Abiy Ahimadii fi Pirezdaantiin Keeniyaa Uhuuruu Keeniyaataan waliin ta'uun biqiltuu dhaaban

60

Finfinnee, Waxabajjii 1/2013 (TOI)- Ministirri muummee FDRI Dooktar Abiy Ahmadii fi Pirezdaantiin Keeniyaa Uhuuruu Keeniyaataan waliin ta'uun Paarkii Ixooxxoo keessa biqiltuu dhaabaniiru.

Dooktar Abiy Ahimad fuula Feesbuukii isaaniitin akka ibsanitti, pirezdaant Uhuuruun guyyaa seena qabeessa waliigalteen eeyyamaa teeleekoom itti mallateeffamuuf baga nagaan gara Itoophiyaa dhuftaan jedhaniiru.

Itoophiyaa sadarkaa biyyoolessaatti biqiltuuwwan biiliyoona 6 dhaabuu fi biqiltuuwwan biiliyoona 1 ammoo biyyoota ollaaf qopheessuun gara sagantaa Ashaaraa Magariisaattii galleerraa jedhan.

Kana bu’uureeffachuunis pirezdaantiichii fi Dooktar Abiy biqiltuu dhaabuu ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015