Gibtsi sab-quunnamtii hawaasaa fi miidiyaa hawaasaa irratti seera to’annoo cimaa eeyyamu gara hojiitti seensifte - ENA Afaan Oromoo
Gibtsi sab-quunnamtii hawaasaa fi miidiyaa hawaasaa irratti seera to’annoo cimaa eeyyamu gara hojiitti seensifte
Bitooteessa 11/2011 Mootummaan gara hojiitti kan galche heerri haaraan fuula websaayitootaa fi miidiyaalee hawaasaa odeeffannowwan sobaa tamsaasan dorkuu kan dandeessisudha jedhameera.
Seerri dhaabbanni to’ataa miidiyaa Gibtsi hojiirra oolche fuula weebsaayitootaa fi miidiyaalee hawaasaa hordoftoota kuma shanii ol qaban nageenya biyyaalessaaf soda yoo ta’an akka dhorkaman kan godhu dha.
Seerri kaleessa hojiirra ooluu eegale kun pirezidaanti Abdal Fatah Al Siisii yaada addaa bilisummaan ibsachuu irratti dhiibbaa taasisuuf tarkaanfii fudhatan keessaa isa tokko dha jechuun ceepha’amaa jira.
Gibtsiin baroota dhihoo asitti sabquunnamtii ummataa fi Gaazexessitoota irratti qorannoo tasaa kan eegalte yoo ta’u, baay’eewwan isaanii hidhaa,f Gaazexessitoota biyya alaa immoo hojii ari’aa jirti.
Seerri haaraan ba’e kun manni maree to’annoo miidiyaa biyyattii weebsaayitootaa fi miidiyaalee hawaasaa odeeffannoo sobaa tamsaasu jedhu dhorkuuf kan eeyyamu dha.
Kanatti dabalee odeeffannoo sobaa kan tamsaasan irratti murtiin mana murtii otoo hin eegamiin adabbii doolaara Ameerikaa kuma 14 fi 400 akka adabu mana mareef aangoo kenneera.
Gaazexessitoonni beekamoon Gibtsii murtiin mootummaa kun farra heera mootummaati jedhaniiru.
Akka sababaatti kan dhiyeessanis seerichi mana murtii to’annoof miidiyaalee gulaaluuf aangoo olaanaa kennaaf, kunimmoo bilisummaa yaadaa dhiiba kan jedhudha.
Itti gaafatamaan mana murtii to’annoo Maakram Mohaammad yadda kennuurraa of qusataniiru.
Labsii abbaa fuula sagalii keessa dhorkaawwan baay’ee kan kaa’ee yoo ta’u, seermalummaa, hamilee uummataa gadi kan qabu, sanyummaa, lammiilee gidduutti addaa addummaa fi lola lallabuu kan dhorku dha.
Akkaataa seerichaatti sab-quunnamtii ummataa odeeffannoowwan miidhaa fi tuttuqaa tamsaasan adabbii paawundii Gibtsii miiliyoona shan ykn Doolaara Ameerikaa kuma 298 tu isaan eeggata.
Gaazexeessitoonni fi weebsaayitoonni ajaja mana murtii malee dhorkuun heera mootummaa irratti kan dhorkamedha kan jedhan gamtaan miseensa gaazexeessitootaa Kamaal Abdal Raahim dha.
Gamaal akka jedhanitti, akkaataa heera mootummaatiin amma mana mare to’attoota miidiyaaf aangoon kenname seera qabeessa miti.
Manni maree to’attoota miidiyaa hojiirra oolmaa seera haaraa kanarratti yaadolee gamtaan gaazexeessitootaa dhiyeessan kuffisuu isaanii dubbataniiru.
Gibtsii keessatti dhuma bara 2017 eegalee weebsaayitootaa fi tamsaasa oduu 500 gahan dhorkamuu isaanii odeeffannoon ni agarsiisu.
Aanga’oonni Gibtsii gama isaaniitiin, biyyattii gara tasgabbaa’insa dhabinsaatti akka hin seenneef karaa kaabaa Siinaayitti jeequmsa dhabamsiisuu fi dinagdee biyyattii fooyyessuuf seerichi barbaachisaadha jedhaniiru.
Madda- Aljaziiraa