Naannoo Amahaaraa godina Shawaa Kaabaa fi Godin bulchiinsa Saba Oromootti sirna nagaa buusuu fi tokkummaa uumuu geggeeffama jira.

Finfinnee, Caamsaa 25/2013(TOI)- Naannoo Amahaaraa godina shawaa kaabaa fi godina bulchiinsa Saba Oromootti tokkummaa ummata godinalee kanneenii cimsuuf kan gargaruu sirni nagaa buusuu fi tokkummaa geggeeffama jira.

Sirni kunis magaalaa Kamishee Aanaa Daawwaa Caffaa ganda Tarfiitti geggeeffama jira.

Yeroo darbe sababaa jeequmsa naannoo godinoota lamaniitti umameen rakkoon umamee ture furama kan jiruu yoo ta'uu ummanniis gara jireenya nagaa duraan tureetti akka deebi'uu kanneen qe'eefi qabeenya isaanirra buqqa'an deebisanii dhaabuun hojjetamaa jira.

Sirna kana irratti qindeessaa humana nageenyaa naannichatti bobba'ee letenaal jeneraal Dasta Abichee dabalatee miseensoonni hoggansa raayyaa Ittisa biyyaa godinoota lamaanirrayyuu hirmaataniru.

Sirana kana geeggeessa kan jiru abbootii amantaa fi jaarsoolii biyyaa yoo ta'u rakkoon kanaan dura mudatee akka deebi'ee hin mudannee yakkamtoota saaxiluudha jedhamera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015