Itaaliitti Itoophiyaanoonni hiriira gidduu seentummaa humnoota alaa mormu gaggeessan.

53

Finfinnee,Caamsaa 23/2013(TOI) - Itaalii Magaalaa Roomaatti Itoophiyaanoonni hiriira gidduu seentummaa humnoota alaa mormu gaggeessan.

Itoophiyaanoonnii fi dhalattoonni Itoophiyaa ejjannoo mootummaa deeggaruun humnoonni alaa gidduu seentummaa Itoophiyaa irratti taasisaa jiran mormuun hiriira bahaniiru.

Hirmaattoonni hiriirichaa kunneen kaayyoo Ijiptii fi Sudaan qaban kan morman yoo ta’u, ejjannoo mootummaa fi Ummata Itoophiyaa deeggaruun Itaalii Magaalaa Roomaatti hiriira bahaniiru.

Akkasumsa namoonni hiriiricha bahan kunneen Ameerikaan gidduu seentummaa sirrii hin taanee Itoophiyaa fi Eertiriyaa akkasumas Gaanfa Afrikaa irratti qabdu, weerara daangaa Sudaan fi marii sadee hidha haaromsa guddicha irratti kaayyoo sirrii hin taanee Ijiptii fi Sudaan tarkaanfachisaa jiran balaaleeffataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015