Jiddugallii Saayinsii,Tekinoolojii, Injineeringii fi Herreegaa Yuuninivarsiiti Aboo eebbifame.

79

Finfinnee, Caamsaa 19/ 2013 (TOI) Yuunivarsiitiin Amboo dameen Kamaapasii Haacaaluu Hundeesaa namoota dandeetti addaa qaban kan itti barataan jiddugala Saayinsii, Tekinoolojii, Injineeringii fi Herreegaa hojjechiise eebbisuun hojii jalqabsiiseera.

Eebba jiddugala kana irratti kan argaman Yuunivarsiitii Ambootti itti aantuun Pirezidaantii qorannoo fi dhimma hawaasaa dooktar Buzunesh Miidhaksaa akka jedhanitti jiddugalichi hojii yuunivarsiitichii Saayiinsii, Tekinoolojii , Injineeringii fi herreega irratti hojjetu kan cimsudha

Jiddugallii kun mana barnootaa bultii addaa yuunivarsiiticha dabalatee namoota dandeettii addaa qaban kanneen gara biraa irraa dhufan akka isaan hojii isaanii hojjetuun firrii gaarii horatuu gochuuf ni hojjeta jedhaniru.

Meeshalee laabiraatoorii jiddugalichaf barbaachisu kan birri miiliyoona 2n biyya alaa irraa bitee qindeessee dhaabbata miti mootummaa 'Isteem Paawor' jedhamu ta'uus himameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015