Sudaan Kibbaa marii sadee mariisiisummaa Gamtaa Afrikaan gaggeeffamu ni deeggarti - Ambaasaaddar Jamsi Piitiiyaa - ENA Afaan Oromoo
Sudaan Kibbaa marii sadee mariisiisummaa Gamtaa Afrikaan gaggeeffamu ni deeggarti - Ambaasaaddar Jamsi Piitiiyaa

Finfinnee, Caamsaa 18/2013 (TOI) – Sudaan Kibbaa marii sadee Hidha Haaromsaa mariisiisummaa Gamtaa Afrikaan gaggeeffamu kan deeggartu ta’uu Itoophiyaatti Ambaasaaddarri Sudaan Kibbaa Ambaasaaddar Jamsi Piitiiyaa Moorgaan ibsan.
Itoophiyaan ga’ee nageenya kabachiisuu Baha Afrikaa fi hariiroo diinagdee naannichaa dursuu keessatti qabdu ba’uu qabdi jedhan.
Lagni Naayil qabeenya biyyoota yaa’a lagichaa ta’uu isaan rakkoo tokko malee karaa haqa qabeessa ta’een fayyadamuun barbaachisaa ta’uu eeraniiru.
Rakkoon yoo jiraatees karaa nagaan furuun dirqama ta’a jedhan.
Waldhabdeen hidha haaromsaa biyyoota sadanii mariisiisummaa Gamtaa Afrikaan gara furmaata waaraatti dhufuu akka danda’u eeraniiru.
Gamtaan Afrikaa dhimmichaaf dandeettii furmaata laachuu osoo qabuu ajandaa idil addunyaa taasiisuun hin barbaachisu jedhan.
Gamtaan Afrikaa ga’ee taajjabdummaa osoo hin taane dhimmicharratti aangoo furmaata laachuu akka qabu hubachuun xiyyeeffannoon hojjechuu qabas jedhan Ambaasaaddarichi.
Gamtichi dhimma Afrikaaf furmaata Afrikaa ejjennoo jedhu dhugoomsuutu irraa eeggama jedhaniiru.