Baankiin Siinqee hundeeffame

Finfinnee, Caamsaa 16/2013(TOI)- Waldaan Aksiiyonaa Liqii fi Qusannoo Oromiyaa (WALQO) gara baankiitti guddachuun har'a Baankii Siinqee ta'ee hunda'era.

Hundeeffama baankicha irratti Pirezidaantii naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa, abbootiin gadaa, hadholiin siinqee fi hoggantoonni baankichaa argamaniru.

Baankiichi kan hundaa'ee kaappitala birrii biiliyoona 7n ta'uu Pireezidantiin baankichaa Obbo Zawudee Tafarraa himaniru.

Baankichii qabeenya birri biiliyoona 15tti baasuu kan qabuu ta'uu kan himan Pireezidantichi baankii dorgomaa ta'uuf kan hojjetu ta'uu himaniru.

Baankiin Siinqee dameewwaan Waldaan Aksiiyonaa Liqii fi Qusannoo Oromiyaa (WALQO) 400 jiraan hundaa kan itti fayyadamu ta'uu himaniiru.

Dhaabbatichi waggoota 24 darbaanitti tajaajila liqiifi qusannaa keenna turus himameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015