Tamsaasa Kallatti:

Gadamsa gammoojjii namni ajjeesse, loon 100 yookiin beenya wal madaalaa akka kanfaluuf seerri lallabamee

Finfinnee,Caamsaa 16/2013(TOI)-Paarkii biyyaalessaa Abjaata Shaallaatti Gadamsa gammoojjii namni ajjeesse, loon 100 yookiin beenya wal madaalaa akka kanfaluuf abbootiin Gadaa aanaa Nageellee Arsii murtoo dabarsan.

Murtoon kunis sodaa badinsa Gadamsa gammoojjii akka hir’isuus himameera. Abbaa Gadaa Tufaa Daraarsoo akka himanitti gadamsi gammoojjii gaaraa Siiqqeerratti argamu hawaasa naannichaan miidhaan irra qaqqabee baduuf dhiyaatera.

Haawasni naannichaas Gadamsa Aanaa Nageellee Arsii paarkii biyyaalessaa Abjaataa Shaallaa keessatti argamu akka hin tuqne gochurra darbee to’annoofi kununsi ni taasifamas jedhaniiru.

Akkaata murtoo Abbootii Gadaatti namni Gadamsa ajjeese loon 100 adabama yookiin gumaa walmadaaluu kaffalas jedhameera. Hawaasnis naannichi bosonaan akka uwwifamu, iddoo jireenya bineensotaa misoomsun gaheesaanii bahachuuf murteessus himaniiru.

Hoogganaan Paarkii biyyaalessaa Abjaata Shaallaa Obbo Mi’eessoo Habnoo akka himanitti murtoon darbe gadamsi gadamoojjii akka hin badneef hawaasni qabeenyasaa badiirraa oolchuufi wabiin jireenyummaasaa akka mirkana’uu kan dandeessisudha.

Daarektarrri Olaanaan Abbaa Taayitaa eeggumsaafi misooma bineensa bosonaa Itoophiyaa, Obbo Kumarraa Waaqjiraa, sirna jabaa ummata Oromoo kan ta’ee sirni Gadaa, mirga namaafi qabeenyaa umamaaf kenuun sirnaafi seera bonsaa dha jedhan.

Sirna murtoo dabarsuu kanarratti Abbootiin Gadaa, jaarsoliin biyyaafi haawasa naannichaa dabalatee hoggantoonni hojii naannoofi federaalaa argamaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015