Mootummaan Hindi bara Faranjii jalqabametti Itiyoophiyaanota kuma 3 fi 500f carraa barumaa tolaan ni kenna 

59

Finfinnee Bitootessa 6/2011 Mootummaan Hindi akka lakkofsa Awurooppaatti bara 2019tti qofaa Itiyoophiyaanota kuma 3 fi 500 ta’aniif carraa barnootaa tolaan kennuuf qophaa’uusaa beeksise.

Carraan barumsaa karaa daabbata ‘Isteedii iin Indiyaa’ jedhamuun kennamu leenjii yeroo dheeraa fi gabaabaa kan of keessaa qabu akka ta’u beekameera.

Mootummaan Hindi carraa barumsaa tolaan kennuun lakkoofsi namoota Afriikaarraa fayyadamanii kuma 20 kan caalu akka ta’e  Isteedii iin Indiyaan beeksiseera.

Dameeleen leenjiin itti kennaman baay’ee yoo ta’an, dame yaalaa akka of keessaa hin qabne ibsameera.

Itiyoophiyaatti ambaasaaddarri Hindi Anuuraag Siriivaastaavaa akka ibsanitti, mootummaan Hindi leenjii gabaabaa fi dheeraa biyyoota Afriikaaf kennaa jiru cimsee itti fufuuf fedhii qaba.

Itti fufuudhaan, dhaabbanni kun leenjiiwwan gaggabaaboo qopheessee carraa barumsaa kennaa akka ture ibsanii, ammammoo carraa kennu bal’isuudhaan leenjiiwwan dheeraas kennuuf akka yaade ibsaniiru.

Kolleejota kuma 38 fi yunivasiitota 800 kan qabdu Hindi baay’ina dhaabbilee barnootaa fi carraa barumsaa mijeesssuudhaan ni beekamti.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015