Magaalaa Finfinneetti Dirreen Shaakala ispoortii garaa garaa 45 bara kana tajaajila kennuu ni egalu jedhame. - ENA Afaan Oromoo
Magaalaa Finfinneetti Dirreen Shaakala ispoortii garaa garaa 45 bara kana tajaajila kennuu ni egalu jedhame.

Finfinnee,Caamsaa 4/2013(TOI) – Bulchiinsi Magaalaa Finfinneee baasii Birrii miiliyoona 700 oliin Dirree Shaakala ispoortii 45 ijaarsi isaanii xumuramuun bara kana tajaajila akka kennaan Komishiniin Ispoortii Magaalaa Finfinnee beeksise.
Komishinichii ijaarsa dirree Shaakala Ispoortii kana deeggartoota garee Kubbaa Miilaa Qiddus Giyoorgisiifi Buna Itoophiyaafi dargaggoota gurmaa’insa adda addaa irratti argaman dawwaachisaniiru.
Komishineer Ispoortii Magaalaa Finfinnee Balaayi Dajaan dirreen Shaakalaa Ispoortii kanneen gara tajaajilatti galan ijaarsa irra kan turaniifi walakkaan isaanii bara kana kan eegalaman ta’uu ibsan.
Dirreen Shaakala Ispoortii kun Kubbaa Miilaa, Kubbaa Saaphanaa, Kubbaa Kaachoofi gosoota Ispoortii biroo kan of keessatti hamaatudha jedhan.