Ergaa baga geessanii Pireezedaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa ayyaana Idal faxirii bara 2013 Sababeeffachuudhaan dabarsan - ENA Afaan Oromoo
Ergaa baga geessanii Pireezedaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa ayyaana Idal faxirii bara 2013 Sababeeffachuudhaan dabarsan
Finfinnee, Caamsaa 03,2013(TOI) - Ergaa baga geessanii Pireezedaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa ayyaana Idal faxirii bara 2013 Sababeeffachuudhaan dabarsan.
Duraan dursee baga ayyaana Idal Faxiir kan bara 2013n nagaan geessan jechuun fedha.
Baatiin Ramadaanaa kitaaba amantaa guddicha Quraana keessatti baatii addaafi eebbifamaa ta’uutu lallabama. Baatiin kun hordoftoota amantaa Isilaamaa biratti boqonnaa calqabaa Rabbi ykn Uumaa biraa Nabiyyuu Muhaammadiif kenname akka ta’etu amanama.
Hordoftoonni amantaa Isilaamaa baatii Ramadaanaa keessatti Sooma, Solaataafi fedhii bu’uuraa dhala namaa irraa of qusachuufi Uumaatti siquudhaan dabarsu.
Baatiin kun yeroo maatiin sababa hojiitiif bakka adda addaa turellee walitti dhufee Uumaasaa kadhatuufi galateeffatu ta’uunsaa adda isa taasisa.
Hordoftoonni amantaa Isilaamaa biyya keenyaa qajeelfama amantichaa hordoftanii baatii Ramadaanaafi Ji’a eebbifamaa kana guutuu Soomaafi Solaataan dabarsitanii, guyyaa Iidaa arguuf carroomtan martinuu irra deebiin baga geessan, Iid Mubaarak, baga waliin geenye jechuun barbaada.
Ramadaanni mallattoo tokkummaa jabaa dha.
Namni amantaa Isilaamaa hordofu kamuu abboommii Rabbii kabajuufi waan Quraana irratti ibsame mara raawwachuun dirqama yeroo hundaati. Haa ta’u malee, baatii Ramadaanaa keessa addatti beekees ta’e daguudhaan nama waliin kan wal dhabe kan itti araaramuufi dhiifama godhu, qabeenya horaterraa Sadaqaa kennachuun rakkataa kan itti gargaaruufi guutummaatti uumaasaatti of kennuun guddina jireenya afuuraa kan itti agarsiisu ta’uutu eegama.
Kabajamtoota hordoftoota amantaa Isilaamaa!
Akka amantaa Isilaamaatti dirqama hordofaan amantichaa raawwatu keessaa Shahaadaan isa tokkodha. Uumaa kabajuufi Safeeffachuun, abboommii isaa eeguufi hojii isaa dinqisfachuun hojii guyyaa guyyaan raawwatamuu dha.
Shahaada ykn Rabbiin ulfeessuuf guyyaatti kadhata yeroo shanii ykn Solaata raawwachuunis dirqama biroo hordoftoonni amantichaa raawwatan ta’uunis ni beekama.
Haa ta’u malee, Baatii Ramadaanaa keessa waan yeroo Soomaa ofii itti hin fayyadamne harka qalleeyyii itti dhiyoo jiraniif qooduudhaan jireenya gamtaa ammayyeessuun ammoo duudhaa amantaan Isilaamaa biyya keenyaafi addunyaaf gumaache ta’uun isaa dinqisiifannaa addaatiin kan ilaalamuu dha.
Kabajamtoota hordoftoota amantaa Isilaamaa!
Qajeelfamoota gurguddoo amantaan Isilaamaa ittiin beekamu keessaa dhugaa labsuu, haqa mirkaneessuu, hammeenyaafi jal’ina mormuufi balaaleffachuun hordoftoota amantichaa qofa biratti osoo hin taane, hawaasa hunda biratti duudhaa waloo ta’ee kan fudhatamee dha. Kaleessi keenya sona miidhagaa kana nu dhaalchiseera.
Har’as kan ittiin boonnuufi hojjechaa jirruu dha.
Tibba weerara Dhibee Koronaatiin biyyi keenyaafi addunyaan qormaata guddaa jalatti kuftee jirtutti deeggarsi dirmannaa kallattii afranii hordoftoota amantaa Isilaamaafi ummata biyya keenyaa maraan taasifamaa jiru, duudhaan wal-gargaarsaafi waliin jireenyaa kun caalmaatti akka ifu taasiseera.
Kanaafuu, sona amantichaa kan ta’e, kan dhabe gargaaruufi kan dhibame deeggaruun, haqummaafi dhugaa dubbachuun ijaarsa biyyaafi ummataatiifis qabeenya dhaalaa isa ijoo waan ta’eef carraa kanatti fayyadamee caalmaatti akka dagaagsinuuf waamichakoon dabarsa.
Akka qajeelfama amantaattis ta’e, akka duudhaa ummata keenyaatti dhalli namaa uumama kabajamaadha. Haa ta’u malee, boqonnaa keessa jirru kanatti akka addunyaattis ta’e haala qabatamaa biyya keenyaatiin wal-dhabdeefi walitti bu’iinsi bu’uura amansiisaa hin qabne dhala namaa gidduutti wayita uumamuufi gaaga’amni gurguddaan wayita qaqqabu argaa jirra.
Kun ammoo safuu Uumaafi uumamaatiif abboomamuu dhabuu keenyarraa kan maddu ta’uun kan haalamu miti.
Kanaafuu, wayita ayyaana amantaa gurguddaa akka Iidaa kabajannu kanatti duudhaa waltumsaafi waliin jireenyaa akka amantaafi ummataatti qabnu caalmaatti guddisuudhaan miira wal-hubannaa, wal-dhaggeeffachuufi wal-kabajuu dagaagsuuf hojjechuu akka qabnu yaadachiisuun barbaada.
Dabalataanis, ergaa Imaamonni, Ustaazonniifi dureewwan amantaa dhimma biyyaafi ummataarratti nuuf dabarsan sirnaan hordofuudhaan akka abboomamnuufi waan dubbannuufi hojjennu hundarratti waliin taanee akka sochoonu dhaamuun fedha.
Xumurarrattis, kan yaaddan akka isiniif milkaa’u, kan soorattan akka isiniif sifaa’u hawwaa, ayyaanni Idaal Faxirii kun kan nagaa, gammachuufi badhaadhinaa akka isiniif ta’un hawwa.
Ayyaana Gaarii! Pireezedaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa, obbo Shimallis Abdiisaa.
Caamsaa, 2013
Finfinnee