Tiraaktaroonni qonnaa 950 qonnaan bultootaaf dabarfaman

65

Finfinnee, Eebila 29/2013 (TOI)- Magaalaa Shaashamanneetti kan argamu Warshaan Meeshaalee Qonnaa ammayyaa Keenyaa jedhamu tiraaktaroota 950 qonnaan bultootaaf dabarseera.

Sirni wal harkaa fuudhiinsicha qonnaan bultootaa,dargaggoota waldaan gurmaa'anii fi dhaabbata Keenyaa gidduutti kan taasifamedha jedhameera.

Sirnicharratti Pireezdaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa, Obbo Shimallis Abdiisaa dabalatee hoggantoonni olaanoo Federaalaa fi naannolee, akkasumas abbootiin gadaa argamaniiru.

Tiraakteroota 950 qonnaan bultootaa fi dargaggoota waldaan gurmaa'anii qonna makaanaayizeeshinii irratti bobba'aniif laatameera.

Tiraakterri amma kennamu kun qonna makaanaayizeeshinii harka 20 ture dachaan dabaluu akka danda'u ragaan Biiroo Dhimoota Kominikeeshinii Oromiyaarra argamee ni muul’dhisa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015