Tokkummaa keessoo Itoophiyaa cimsuun madda kabajaafi milkii keenyati-Ministira Muummee ittaanaafi minstira dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Mokonnin - ENA Afaan Oromoo
Tokkummaa keessoo Itoophiyaa cimsuun madda kabajaafi milkii keenyati-Ministira Muummee ittaanaafi minstira dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Mokonnin
Finfinnee,Ebla 27/2013(TOI)-Tokkummaa keessoo Itoophiyaa cimsuun madda kabajaafi milkii keenyaa ta’uu haalan hubachuun kallattiiwwan jijjiramaa fi guddinaa tumsaa Itoophiyaa ceesisuun nurraa eeggamaa jedhan ministirri muummee ittaanaafi minstirri dhimma alaa Obbo Dammaqaa Mokonnin.
Ministirri muummee ittaanaafi minstirri dhimma alaa Obbo Dammaqaa Mokonnin guyyaa injifannoo Goototaa waggaa 80'ffaa ilaalchisee ergaa baga geessanii dabarsaniiru.
Obbo Dammaqaan ergaa dabarsaniin haala yeroo Itoophiyaan amma keessa jirtuun yeroo kamiyyu caalaa gumachiifi onneen gootota durii yeroo dhaloota kanaan irra deebi’amu gaafaturraa jirras jedhaniiru.
Qormaatawwan keessaafi alarraa biyyattirratti aggaamaman milkiin darbuuf lammiileen Itoophiyaa hunduu garaagarummaan isaanii osoo duubatti isaan hin harkisin tokkummaafi waliin dhaabbachuu akka qabanis himaniiru.
‘’Hundi keenyaa akkuma hubannu hanga ammaatti tokkummaa keenyan qormaatawwan hedduu ceenerra’’ Kan jedhan,Obbo Dammaqaan ‘’fuldurattis hojiiwwan tokkummaa keenya eegsisanii biyyaafi dhaloota ceesisan irratti akka tumsinuuf imanaan dhaammadha’’ jechuun ergaa dabarsaniiru.