Odeeffannoon sobaa fi dubbiin jibbinsaa miidiyaalee biyyaattif qormaata waan ta'aa jiraniif kanneen dhimmi ilaallatu xiyyeeffannoon hojjechuu qabu.Guyyaan walabummaa pireesii addunyaa kabajamaa jira

68

Finfinnee, Eebila 26/2013 (TOI)- Guyyaan walabummaa pireesii addunyaa mata duree ''odeeffannoo faayidaa hawaasaaf'' jedhuun kabajamaa jira.

Ayyaanicha mana maree miidiyaalee Itoophiyaa, Abbaa taayitaa miidiyaalee Itoophiyaa, UNESCO fi dhaabbilee deeggartootaa birootu walta'uun qopheesse jedhamera.

Bakka bu'aan Afayaa'i mana maree bakka bu'oota ummataa Taggasee Caafoo dooktar Heenok Siyyuum sirna kanarratti argamuun akka dubbatanitti, Waggoota sadan darban walabummaa pireesii mirkaneesuuf faya'inis hedduun taasifamuu himaniru.

Akka fakkenyaattis imaammata miidiyaalee qopheessuu fi kanaanis baay'inni miidiyaalee Itoophiyaatti yeroo gara yerootti dabalaa jirachuu himaniru.

Fooya'inisi gama kanaan tasifamuu haaluma kanaan kan itti fufu ta'uus himaniru.Odeeffannowwan miidiyaaleen tamsaasan ummata kan fayyadu malee kan miidhu ta'uu hin qabu kan jedhan Dooktar Heenok Miidiyaleen odeeffannoo sirrii hawaasaan gahuu qabu jedhaniiru.

Abbaan taayitaa Miidiyaalee Itoophiyaa obbo Mahaammad Idiris gama isaaniin waggoota sadan darbanitti hojiwwan miidiyaa irratti fooya'insi hedduun taasifamus ammaas qormanni hin xummuramne jira jedhaniru.

Seerota miidiyaa kabajuu dhiisuu, odeeffannoo madaalawwaa hin taane dhiheessuu, Fayyidaa biyyaleessa karaa hin eegneen deemuun sabaa fi saba odeeffannoo walitti buusuu hojjechuun rakkoo mul'atudha jedhamera.

Rakkoo kana darbuufis miidiyaaleen kara ofeeggannoo qabuun dirqama isaanii bahuu akka qabaniifi kanneen dhimmi ilaallatu waliin hojjechuu akka qaban hubachiisaniru.

Walitti qabduun mana maree miidiyalee Itoophiyaa aaddee Tigist Hilmaa gaazexessitoonni Itoophiyaa keessatti hojjetaanif yaaddoo fi sodaa irraa karaa bilisa ta'anii hojjetan mijachuufi qaba jedhaniru. Kana gochuufis hojii mootummaan fooyyessaa jiru kan cimsuun barbaachisa ta'uu himaniru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015