Itoophiyaan opireetaroota telekoom lamaaf heeyyama keennuuf caalbaasii baafteef dhaabbileen telekoomii addunyaa 6 waraqaa ragaa galchaniru- Abbaa taayitaa Kominikeeshiinii Itoophiyaa

66

Finfinnee, Ebla, 18/2013(TOI)- Itoophiyaan opireetaroota telekoom lamaaf heeyyama kennuuf caalbaasii baafteef dhaabbileen telekoomii addunyaa 6 waraqaa ragaa caalbaasicha ittiin hinjifachuu nu dandeesisaa jedhan galchaniru jedhean daarektarri olaanaa Abbaa taayitaa Kominikeeshiinii Itoophiyaa obboo Baalchaa Reebaa.

Hojiin caarraticha galchuu har'a ganama saatii 4tti kan xummurame yoo ta'u saatii 5 irraa eegalee immoo sirna waraqaa carraataa banuun raawwateera jedhamera.

Dhaabbileen caalbaasii kana hinjifataan ulaagaa caalbasiichi guutuu qaba jedhamee bahee kan guutaan hojii tekinikaa fi mallaqaa dhiheessan ilaluun ifa ta'u jedhamera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015