Godina Booranaatti aanaaleen 13 rakkoo hanqinaa bishaan dhugaatii fi nyaata beelladaaf saaxilameera.

76

Finfinnee, Ebla 18/2013(TOI)-Godina Booranaatti bokkaan ji’a Bitootessaa irraa eegalee roobuu qabu haga ammaatti guyyaa tokko qofaa roobe.

Sababaa kanaanis godinichatti hanqinni roobaa Aanaalee 13 mudachuu Wajjiraa Bishaanii fi inaarjii godina Booranaatti qindeessaan dhiiheessii fi raabsa bishaanii obbo Kabbadaa Gabramaaram Tajaajila Oduu Itoophiyaatti himaniiru.

Rakkoo hanqina roobaa mudatee Kanaan Aanaalee godinicha 13 keessatti gandoonnii baadiyyaa 157 rakkoo hanqina bishaan dhugaatiifi nyaata beelladaaf saaxilamusaanii obbo Kabbadaan himaniru.

Rakkoo kana furuuf Mootummaan guyyaatti konkolaataa Bottee 33’n lafa kiilomeetira 90 ilaamaluun bishaan dhugaatii namaa fi beelladaaf dhiiheessa jiraachuu himameera.

Konkolaattotaa Bottee bishaan ittiin Horsisee bultootaaf dhiheeffama jiran kunis kiraan kan argamanidha jedhamera.

Botteewwaan 33 bishaan rabsaa jiran kanaaf haga ammaatti birriin miiliyoona 5 fi 856 gatiin kiraa kanfalamuusa obbo Kabbadaan himaniru.

Haala amma jiruun bokkaan kan hin roobinee fi kanneen dhimmi ilaallatuun yoo gargaarsii dabalataa hin dhihaanne rakkoo jabaan hawaasaa aanaalee kana keessa jirataan irra gahuu akka danda’uus himameera.

Waajjirri ittisa balaa godinichaa akka himeetti dhiiheessii bishaaniin cinaatti margaa beelladaaf oluu kan hidhamee qindaa’ee miiliyoona 2 horsiisee bultoota kanaaf dhiheessuuf hojjechaa jira.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015