Itoophiyaan yaa’ii Fooramii Afrikaa Raashiyaa keessummeessuuf fedhii qabdu ibsite

73

Finfinnee, Eebila 15/2013 (TOI)-Itoophiyaan bara Faranjootaa 2022 kan gaggeeffamuu yaa’ii fooramii Afrikaa Raashiyaa 2ffaa keessummeessuuf fedhii qabdu ibsiteetti.

Itti aanaan Ministiraa muummee fi Ministirri Dhimma Alaa obbo Dammaqaa Makonniin sadarkaa Ambaasaaraatti bareessaa tumsaa fooramii Afrikaa Raashiyaa Oleeg Ozeeroov waliin mari’ataniiru.

Qophii yaa’ii Afrikaa Raashiyaa bara Faranjootaa 2022 Afrikaatti gaggeeffamuurratti mari’ataniiru.

Obbo Dammaqaan Itoophiyaan hariiroo barootaa dheeraa Raashiyaa waliin qabdu cimsuuf fedhiisheen qabdu barreessichaaf ibsaniiru.

Raashiyaan yaa’ichaa gaggeessuuf kaka’uumsa qabdu kan dinqisifataan obbo Dammaqaan, Itoophiyaan yaa’ii fooramii Afrikaa Raashiyaa 2ffaa Finfinneetti qopheessuu fedhii qabdi jedhaniiru.

Oleeg Ozeeroov gama isaaniitin itti gaafatamummaa fi hojii waajjiraasaanii obbo Dammaqaaf ibsaniiru.

Dhaabbileen Afrikaa fi Raashiyaa waloon akka hojjetaniif waldaa tumsaa diinagdee hundeessuu ibsa isaaniin eeraniiru.

Kanarra darbe nageenyaa, kalaqaa teeknooloojii, qonnaa, humna, niwuukileera, fayyaa fi kanneen biroorratti tumsa qorannoo qaban irratti mari’ataniiru.

Sadarkaa Ambaasaaraatti bareessaan tumsa fooramii Afrikaa Raashiyaa Oleeg Ozeeroov Itti aanaan Muummee Ministiraa fi Ministira Ministeera Dhimma Alaa obbo Dammaqaa Makonniin Mooskootti daawwannaa akka taasisaaniif waamichaa dhiyeessuu ragaan Ministeera Dhimma Alaarra argamee ni muul’dhisa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015