Bulchiinsa Magaalichaatti lafattii kaareemeetirri miiliyoonni 13 seeraan ala qabamee ture argameera- Aaddee Adaanech Abeebee

51

Finfinnee,Ebla 15/2013(TOI)- Bulchiinsi magaalaa Finfinneetti ittifayyadama lafaa ilaalchisuun qorannoo taasifameen lafti kaaremeetirri miiliyoona 13 seeraan ala qabamee ture argameera jedhan Itti aantuun kantiibaa Magaalaa Finfinnee Aaddee Adaanech Abeebee.

Aaddee Adaanech Abeebee haalaa itti fayydama lafaafi qabinsaa isaa irratti kaneen dhimmi ilaallatu waliin mari'ataniru.

Magaalichatti rakkoon lafa waliin walqabatanii jiriin furuufi gaaffii lafa jiran deebisuuf rakkoo bulchinsaa naannoo kana jiru furuuf hojjetamaa jira jedhaniru.Rakkoo bulchinsaa lafa waliin walqabatee jiru kana sirreessuuf ogeeyyoota 422 akka bakka hojii kanaa ka'ani taasifamera jedhaniru.

Magaalichatti lafa kaaree meetiraa miiliyoona 13 seeraan ala qabamee ture keessaa lafa kaaree meetiree miiliyoona 10 baankii lafaatti deebisuus himaniru.

Bulchiinsi magaalichaa gaaffii yeroo dheeraa kan qaban dhaabbilee amantaa,tola ooltotaa, giddu gala,manufaakcherii, daldalaa,Hoteelaa fi Hospitaalaaf kan oolu lafa kenneefioras jedhaniru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015