Baankiin Adduunyaa Doolaara miiliyoona 907 Itoophiyaaf deeggarsa kenne.

51

Finfinnee, Ebla 15/2013(TO)-Baankiin Adduunyaa Piroojetoota 3 Itoophiyaatti hojjetamaniif deeggarsa Doolaara miiliyoona 907 taasise.

Deeggarsi kunis doolaarri miiliyoonni 200 Intarpiraazidii maakiroo fi xixiiqqaaf, Doolaarri miiliiyoonni 500 waliingahiinsa humnaa Ibsaaf, kan hafee doolaarri miiliyoonni 207 immoo ittisaa fi to'annaa vaayirasii Koroonaaf kan oluudha jedhamera.

Baankiin Adduunyaa piroojektoota Itiyoophiyaatti hojjataman sadan kanaaf har’a ministeera Mallaqaa waliin waliigaltee mallatteesseera.

Waliigaltichas kan mallatteessaan Minstiri maallaqaa fi dinaagdee obbo Ahimad Sheedee fi Garee baankii addunyaatti daarektara bahaa Afirkaa kan ta'an obbo Osimaan Dihoonidha.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015