Barsiisota Yunivarsiitiif qorannoo fi qu’annoo akka taasisan kan dirqisiisu wixineen labsii qophaa’aa jira

82

Finfinnee Bitootessa 4/2011 Barsiisonni Yunivarsiitii qorannoo fi qu’annoo akka taasisan kan dirqisiisu wixineen labsii qopheessaa akka jiru ministeerri saayinsii fi barnoota olaanaa beeksise.

Wayita ammaa qorannoo fi qu’annoon yunivarsiitota keessatti hojjetamu kan biyyoota Afriikaa biroo waliin yoo madaalamu xiqqaa akka ta’e ministeerichi ibseera.

Da’eetaan ministiraa Dr. Saamu’eel Kiflee tajaajila oduu Itoophiyaaf akka ibsanitti, hojiiwwan qorannoo fi qu’annoo yunivarsiitota biyyattiitti argaman keessaa ba’an kan eegamuu gadi.

 Kanaaf ammoo bajanni dhaabbilee barnootaa olaanoof qorannoo fi qu’annoof ramadamu xiqqaa akka ta’e akka sababa tokkootti kaa’aniiru.

Bajanni walii gala waggaa tokkoof damee kanaaf ramadamu dhibbantaa lamaa gadi akka ta’e eeraniiru.

Kana malees bu’uroonni misoomaa qu’annoo dhabamuun, lakkoofsi barsiisota digirii sadaffaa qabanii xiqqaa ta’uu fi barsiisonni qu’annoof xiyyeeffannaa kennuu dhiisuun sababoota birooti.

Haa ta’u malee yunivarsiitonni human amma qabaniin bifa dirqisiisaa ta’een hojii qu’annoo fi qorannoorratti bobba’uu isaan dandeessisu wixineen labsii qophaa’aa akka jiru Dr. Saamu’eel ibsaniiru.

Dhaabbilee barnootaa keessati lakkoofsisaanii xiqqaa ta’us, barsiisonni ciccimoon joornaalota addunyaarratti beekamtii qaban irratti qu’annoosaanii kan baasan akka jiran hin dhoksine.

Bajata qu’annoo fi qorannoof ramadamu ilaalchisees guddina biyyaa fi human barsiisotaa wal bira madaaluudhaan guddachaa kan dhufu ta’uus eeraniiru.

Qajeelfamni Yunivarsiitonni joornaalota qaban qulqullinasaanii akka guddisan dandeessisu akkaadaamii saayinsii Itoophiyaatiin qorannaan adeemsifamaa akka jiru hubachiisaniiru.

Wayita ammaa lakkoofsi barsiisota barnootaa olaanoo dhuunfaa fi mootummaa kuma 33 kan ga’e yoo ta’u, kanneen keessaa kuma 5 fi dhibba 5 kan ta’an qofatu digirii sadaffaa qaba.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015