Aadde Adaanach hojiilee misooma Hawaasaa Hospitaalli Waliigalaa Siilk Rood hojjechaa jiru galateeffatan

57

Finfinnee, Eebila 11, 2013 (TOI) – Itti aantuun Kaantibaa magaalaa Finfinnee aadde Adaanachi Abeebee hojiilee misooma Hawaasaa Hospitaalli Waliigalaa Siilk Rood hawaasa naannoof hojjetaa jiru galateeffataniiru.

Itti aantuun Kaantibaa magaalaa Finfinnee aadde Adaanachi Abeebee fi Ministirri Ministeera Barnootaa Dooktar Injinaar Geetahuun Makuriyaan dhiyeessii bishaan Dhugaatii Hospitaalli Siilk Rood hawaasaa naannoo isaaf dhiyeesse daawwataniiru.

Dhaabbileen dhuunfaa magaalichaatti dameewwan garaagaraarratti bobba’anii argaman hawaasa naannoo isaanii deeggaruu akka qaban waamicha dhiyeessaniiru.

Aadde Adaanach Hospitaalli Siilk Rood deeggarsa hawaasummaa fi diinagdee hawaasa naannoo isaaf taasiisuun dhaabbata fakkeenya ta’uudha jedhan.

Dhaabbileen gurguddoon magaalicha keessatti argaman hawaasaa naannoo isaanii deeggaruuf muuxxannoo Hospitaala Waliigalaa Siilk Rood kana fudhachuu qabu jedhan.

Hospitaalli Waliigalaa Siilk Rood yaala bilisaa laachuu eegaleefi hojiilee misoomaa garaagaraa deeggaruu cimsee kan itti fufu ta’uu hojii gaggeessaan Hospitaalichaa Dooktar Waang ibsaniiru.

Hospitaalichi magaalaa Finfinnee jiddugalessa Tuurizimii Fayyaa taasiisuuf tattaaffii godhamu milkeessuuf kan hojjetu ta’uu himaniiru.

Hawaasni saganticharraa fayyadamoo ta’anis Hospitaalicha galateeffachuu isaanii ragaan Waajjira Seekreetariyaa Preesii magaalaa Finfinneerraa argame ni agarsiisa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015