Tamsaasa Kallatti:

Qaamolee bakkoota garaagarraatti ummatta nagaa waliitti buusuuf shira xaxaa jiranirratti tarkaanfiin fudhatamuu eegale - Ministeera Raayyaa Ittisaa

Finfinnee, Eebila 10, 2013 (TOI) - Qaamolee bakkeewwan garaagarraatti ummatta nagaa walitti buusuuf shira xaxaa jiranirratti tarkaanfii fudhachuu eegaluu Ministeerri Raayyaa Ittisaa Biyyaa beeksiise.

Ministeerri Raayyaan Ittisaa Biyyaa haala waqtaawaa ilaalchisee ibsa laateera.

Kutaalee biyyattii tokko tokkotti ummata walitti buusuun lubbuun lammiilee nagaa akka baduu fi qabeenyi akka barbadaa'u qaamolee taasiisanirratti tarkaanfii fudhachuu eegaluu ibseera.

Yeroo ammaa iddoolee tokko tokkotti rakkoon nageenyaa bal'inaan muul'achaa jiraachuu eereera.

Ergama Raayyaan Ittisaa heera mootummaa kabachiisuuf taasiisaa jiru gufachuuf shirri farreen nageenyaan xaxamaa jiru hirmaannaa fi qindoomina Raayyaa ittisaan fashalaa'uu himeera.

Rakkoo nageenyaa Wallaggaa Buree, Shawaa Kaabaa fi Wallootti saba Oromoo fi Amaaraa, Matammaatti saba Amaaraa fi Qimaantii Soomaalee fi Afaar gidduutti uumame furuuf, qaamoleen nageenyaa federaalaa, naannoo fi hawaasa naannichaa waliin hojii olaanaan hojjetamaa jiraachuu eereera.

Qaamoleen ummataa fi ummata waliiti buusuuf shira xaxaa turan hedduu isaanii hirmaannaa hawaasaa fi qindoomina qaamolee nageenyaan to'annoo jala ooluu ibseera.

Rakkoo nageenyaa Godina Shawaa kaabaa fi Godina saba Oromo gidduutti uumameen miidhaa lubbuu namaa fi qabeenyarra qaqqabeef gaddi itti dhaga'amuu Ministeerri Raayyaa Ittisa Biyyaa ibsa har'a laateen himeera.

Yakkamtoota kanneenirratti tarkaanfiin fudhatamuu eegaluu eereera.

Qaamoleen nageenya ummataa booreessuuf daandii cufuu dabalatee yakkoota garaaraa raawwataa jiran gochicharraa akka of qusatan Ministeerri Raayyaa Ittisa Biyyaa hubachiiseera.

Rakkoo nageenyaa naannoo Amaaraa godina Shawaa kaabaa fi godina saba Oromootti muudateen walqabatee dhaabbilee nageenyaa federaalaa, naannoo fi godinoota kanneenii kan hammate komaandi poostiin hundaa'uu ibseera.

Komaandi Poostichi qaamolee iddoolee kanneeniitti nageenya boorreessaa jiranirratti tarkaanfii fudhachuun olaantummaa seeraa mirkaneessuuf ni hojjeta jedhame.

Haaluma kanaan naannichatti nagaa buusuuf dhorkiiwwaan adda adda kaa'amuus himeera.

  1. Daandii Aanalee Dabra Siinaa hanga Kombolchaatti jiru irraatti naannoo daangaa daandirraatti argaman bitaa fi mirgaan hanga Km 20tti meeshaalee waraanaa qabatanii socho'uun dhorkaadha.
  2. Gareen ta'uun qaamolee daandii cufuu dabalatee dhaabbilee amantaa, mootummaa fi qabeenya dhuunfaa irratti miidhaa geessisanirraatti tarkaanfiin kan fudhatamu ta'uu ibseera.

Hawaasni haaluma kana dura barameen qaamolee nageenyaa cinaa ta'uun nagaa fi tasgabbii buusuu keessatti qooda isaanii akka ba'an waamichi dhiyaachuu ragaan Ministeera Raayyaa Ittisa Biyyaarraa argame ni agarsiisa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015