Mariin dhimma hidha haaromsaa guddicha Itoophiyaa Gamataa Afrikaan taasifamuu akka itti fufuu qabu Itoophiyaan ejjennoo cimaa qabdi - Minsteera dhimma alaa

72

Finfinnee, Ebla 7/2013 (TOI) - Mariin dhimma hidha haaromsaa guddicha Itoophiyaa irratti biyyoonni sadan karaa Gamtaa Afirkaa geggeessan akka itti fufu Itoophiyaan ejjeenoo cimaa akka qabduu Minsteerri dhimma alaa beeksiseera.

Dubbi himaan Minsteera dhimma alaa Itoophiyaa Ambaasaadar Diinaa Muftii dhimmoota Itoophiyaatti torban kana ta'an irratti ibsa torbee kenaaniru.

Ibsichaan gaaffii Muummeen Ministirri Sudaan Abdallaa Hamdook dhimma hidha haaromsaa guddichaa Itoophiyaa ilaalchisun sadarkaa hoggansaatti maariin arifachiisa geggeeffamu akka qabu yaada dhiheessan irratti haga ammaatti Itoophiyaan kallatiin deebii akka hin keninee himaniru.

Dhimmicha irrattis Itoophiyaan qorachuun deebii kan kennitu yoo ta'u, Itoophiyaan mariin karaa gamtaa Afirkaa geggeeffamuu akka bu'aa qabeessa ta'u ni barbaaddi jedhaniru.

Dhimma hidha haaromsaa kana irratti Ijibti maarichii karaa Gamtaa Afirkaa akka milkaa'u yaalii gochaa jirti jedhaniru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015