Itoophiyaatti sadarkaa weerarri vaayirasii koroonaa irra jiru beekuuf qorannoon biyyaalessaa gaggeeffamuufi.

60

Finfinnee, Eebila 5/2013 (TOI) – Itoophiyaatti sadarkaa weerarri vaayirasii koroonaa irra jiru beekuuf qorannoon biyyaalessaa eegalamuuf akka jiru Inistiityuutiin Fayyaa Hawaasaa Itoophiyaa beeksiise.

Qorinnichi sadarkaa biyyatti bakka hundaatti kan adeemisfamuu yoo ta'uu kanneen umuriin isaanii 15 ol ta'ee kuma 13 fi 600 hammata jedhamera.

Qorannoo kanatti baasiin birrii miiliyoona 25 kan bahuu yoo ta'u Ebla 7 irraa jalqabee guyyoota 30f kan geggeeffamudhas jedhamera.

Dursaan garee dhimma Kininikaa COVID -19 Ministeera Fayyaan durfamuu dooktar Ababaawu Gabayyoo akka jedhanitti qorannoon kun sadarkaa facaatii weerara vaayirasii koroonaa guutuu biyyattii jiru beekuufi kutaa hawaasaa baay'inaan vaayirasii kanaan qabama jiru adda baasuuf kan gargaaru ta’uu himaniru.

Kaayyoon qorannichaas dhibicha ittisuu fi to’achuuf furmaataa kaa’uufi jedhame.

Qorannoo kana irratti kanneen ragaa funanaan 160 har'afi boru leenjii ni fudhatu jedhamera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015