Taanzaniyaa fi Ugaandaan Ujummoo Boba’aa waloon diriirsuuf walii galan

60

Finfinnee, Eebila 4, 2013 (TOI) - Taanzaniyaa fi Ugaandaan Ujummoo Boba’aa hin calalamnee Kiiloo Meetiraa kuma 1 fi 442 dheeratu waloon diriirsuuf waliigaltee mallatteessaniiru.

Ijaarsa isaaf Doolaarri biiliyoonni 3.5 qabamuu ibsameera.

Pireezdaantiin Taanzaaniyaa Saamiiyaa Suuluhuun dawwaannaa jalqabaa isaaniin Indaastirii Boba’aa fi Gaasii Taanzaaniyaa fi Ugaandaa guddisuuf dhimmoota gargaaraan sadirratti waliigaltee mallatteessaniiru.

Waliigaltee kana keessa sarara Boba’a hin calalamnee waloon diriirsuun isa tokko jedhame.

Ujummoo boba’aa Kiiloo Meetira kuma 1 fi 443 dheeratu sharikaan ijaaruuf waliigalaniiru.

Piroojektichi wayita xummuramee hojii eegale namoota kuma 10 oliif carraa hojii uuma jedhame.

Ugaandaan bara Faranjootaa 2025tti Zayita Boba’a Barmeela biiliyoona 1.4 ni baafti jedhame.

Maddi:-BBC

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015