Ambaassaaddar Leencoo Baatii xalayaa muudama isaanii Ministeera Dhimmaa Alaa Sawudi Arabiyaatti dhiyeessan.

61

Finfinnee,Ebla 4/2013(TOI) - Sawud Arabiyaatti ergamaa Addaa FDRE ta’uun kan muudaman Ambaassaaddar Leencoo Baatii xalayaa muudama isaanii Ministeera Dhimmaa Alaa Sawudi Arabiyaatti Hoggana Dhimmoota Pirotokoolii Lamashaari Bin Nahitif dhiyeessan.

Ambaassaddar Leencoon xalayaa muudama isaanii dhiyeessuun walitti dhufeenya biyyoota lameen gama maraan jiru keessattuu lammiilee Itoophiyaa Sawud Arabiyaa jiraatan ilaalchisuun hojiin hojjetama jiru haala itti cimuu qabu irratti mari’ataniiru.

Ambaassaddar Leencoo Baatii tarkanfii duulaa seera kabachiisuu naannoo Tigraayifi dhimma nageenya akkasumas daangaa Sudaanif Itoophiyaa gidduutti burjaajii muudateefi dhimma Hidha Haaromsa irratti mari’ataniiru.

Marii isaanii kananiis Itoophiyaafi Sawud Arabiyaan gama siyaasa, dinagdee, haawassummaa akkasumas dhimmoota qaxanaa irratti qindoomina jiru cimsuun wal wajjiin hojjechuuf waligalteerra gahuu isaanii ragaan Ministeera Dhimma Alaa irra argamee ni mul’isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015