Magaalichatti yakka olaanaa irratti kan hirmaataa tura namoonni 34 to'annoo jala olaan- Poolisii

65

Finfinnee, Bitootessa 30/2013(TOI)- Magaalaa Finfinneetti namoonni yakka olaanaa irratti hirmaataa turan 34 to'atamuu komishiiniin Poolisii Finfinnee beeksiseera.

Komishiner Geetuu Araggaa akka jedhanitti Miidiyaaleefi Aktiviistoonnii magaalattin yaaddoo rakkoo nageenya akka qabdu fakkeessanii barreessan hojii isaanii kana irra akka of qoqqoban dhaamaniru.

Kana darbanii kan gochaa isaanii kanatti fufan irratti tarkaanfii seeraa ni fudhanna jedhaniru.Komishinerri ittanaa qorannoo yakkaa fi Tiraafikaa Hasan Nagaash haala yeroo nageenyaafi tasgabbii magaalichaa akkasuma haala pirootokolii vaayirasii koroonaa hojirra olchuun itti danda'umu ilaalichisuun ibsa miidiyaaleef kennaniiru.

Ibsa isaaniin hojii poolisiin hojjeteen shakkamtoota to'annaa jala oola harkatti konkolatoota 12 , Televiziinii fi kompuutaroonnii hedduun to'atamaniru.Hojiin poolisii nageenya uummata eegudha.

Bu'uura kanaan hordoffii taasifameen shamtoota hojii yakka olaanaatti hirmaachaa turan 34 qabeenyaa isaan saamaan waliin to'annoo jalaa olchuu himaniru.

Shakkamtoonni hojii yakka olaanaa kana irratti hirmaachaa turan kun meeshaa waraanaa namoota dhuunfaan qabatamaniifi kanneen gareen hojirra oolaan fayyadamuun dhaabbilee gurguddoo saamaa kan turaniifi yakka reebichaa raawwachaa kan turanidhas jedhaniru.

Shakkamtoonni kun karaa qindaa'een hojii yakkaa kana irratti hirmachaa turan. Namoonni yakka olaanaa hojjechuun shakkamanii to'annaa jala olaan kun garee 3tti qoodamanii hojjecha turanis jedhaniru.

Garee meeshaalee gatii baasaan bakka isaan jiran adda baasu, bakkaa fi yeroo adda baasee kan saamuu, Meeshaa hataamee kan bakka itti gurguru mijeessee gurgurutti qoodamanii yakka kana rawwachaa kan turan ta'uu bira gahameera jedhan.

Filannoon marsaa 6ffaa karaa nagaan akka gaggeeffamuuf Komishinichi qophii ga’aa taasiisuu eeraniiru.Kanaafis miseensoonni Poolisii 4180 haraan gara komishinichaatti dabalamaniru. kanneen seeraa darbaan hookkara umana jedhan irratti tarkaanfii seeraa fudhachuuf qophii gochuu himaniru.

Magaalaa Finfinneetti namoonni lammumma biyya alaa qaban hojii yakka mallaqaa seeraan alaa daddabarsuu irratti hirmaacha turan to'atamanii seeraatti dhihaachuu isaaniis Komishiner Geetuun himaniru.

Gara fuula duraatti yakki walfakkataan akka hin umamneef naannoo Hoteeloota isaan qubatanitti fi bakkoota biroottis poolisiin hordoffii gochaa jira jedhaniru.

Haalli ittisaa vaayirasii Koroonaaf magaalichatti tasifamaa jiru xiyyeffannoo argachuu dhabuun na yaaddee kan jedhu komishiniin Poolisii Finfinnee, namoota pirotokoolii Vaayirasichaa ittisuuf bahee hin hordoofne naan adabas jedhera.

1Tajaajila Oduu Itoophiyaa

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015