"Ejjennoon Sudaanii fi Ijipt hidha Guddicha haaromsa Itoophiyaa irratti qabatan mirga Itoophiyaan qabeenya uumamaa qabdutti fayyadamuu kan sarbuudha." - Ministeera Dhimma Alaa Itoophiyaa.

100

Finfinnee, Bitootessa 29/2013(TOI) - Itoophiyaa, Sudaanii fi Ijipt mariisiisummaa dura taa'aa Gamtaa Afrikaan dhimma Hidha Guddicha Haaromsaarratti Bitootessa 25 - 28, 2013 marii taa'amaa turuu Ministeerri Dhimma Alaa beeksiiseera.

Ibsa wixinee Ministirri Dhimma Alaa Rippaablika Diimookraatawaa Koongoo fi dura taa'aan mana maree hojii raawwachiiftuu Gamtaa Afrikaa dhiyeessan Itoophiyaan fudhachuuf murteessitus Sudaanii fi Ijipt kan hin fudhanee ta'uu ibsaniiru.

Itoophiyaan Guutinsi Bishaan Hidha Guddicha Haaromsaa marsaa 2ffaan haaluma gabatee yeroo qabameen kan raawwatamu ta'uu ejjennoo qabdu beeksiifteerti.

Sudaanii fi Ijipt waliigalteerra osoo hin ga'amin hojiin Bishaan guutuu gaggeeffamuu hin qabu jechuun ejjennoon qabatan bu'uura seeraa kan hin qabne ta'uu Ministeerri Dhimma Alaa ibsa baaseen ifoomseera.

Ejjennoon biyyoota lamaanii mirga Itiyoophiyaan qabeenya uumamaa qabdutti fayyadamuu qabdu kan sarbu ta'uu ministeerichi ibseera.

Akkasumas ejjennoon biyyoota lamaan qabatan mariin guyyoota lamaaf taa'ame bu'aa qatamaa akka hin buufneef gufuu ta'uun hubatameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015