Aanga'oonni Mootummaa Naannoo Oromiyaa fi Amaaraa dhimmoota misoomaafii nageenya waloo irratti Finfinneetti mari'achaa jiru.

112

Finfinnee,Bitootessa 28/2013(TOI)- Aanga'oonni Mootummaa Naannoo Oromiyaa fi Amaaraa dhimmoota misoomaafii nageenya waloo irratti Finfinneetti mari'achaa jiru.

Waltajjii kana irratti rakkoolee nageenyaafii tasgabbii deddeebi’ee ka’u haala qindoominaan ittisuun danda’amu irratti xiyeeffatameera.

Naannolee lamaan irratti rakkoo nageenyaan walqabatee du’aatiifi buqqaa’iinsa lammiilee muudatu dafanii dhaabuu,qaamoolee rakkoo kana bu’uuressaniifii raawwatan irratti tarkaanfiin barbaachisaan akka fudhatamu, bakka walitti bu’iinsi muudateetti lammiileen miidhaan irra dhaqqabe gama seeraatiin haqa akka argatan taasisuu, lammiileen buqqa’an gara qe’eef qabeenya isaaniitti akka dafanii deebi’an taasisuufi naannolee lamaanitti nageenyi waaraan akka jiraatuuf waliin hojjechuuf haala dandeessisu irratti hoggantoonni naannolee lamaanii mari’atanii jiru.

Dabalataanis uummanni Oromoofi Amaaraa walitti hidhamiinsa jaarraa dheeraa qabaniifii walitti dhufeenya hawaasaa lameenii caalatti cimsuuf, godinaalee ollaatti darbee darbee walitti bu’iinsa uumamu karaa qindaa’een ittisuu, misoonaawwan bu'uuraa naannolee lamaan gidduutti ijaaramaa jiran dafanii xumuramuun tajaajila hawaasaaf akka kennan xiyeeffannoon irratti mari’atame jira.

Waltajjicha irratti aanga’oonni olaanoon mootummaa naannolee lameenii hirmaachaa kan jiran yoo ta'u Pireezdaanti Shimallisifi Pireezdaanti Aganyahuu Tashagar waliin hogganaa jiru.

Balaay Tasammaatu hordoofe.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015