Manni Murtichaa gaaffii Abbaan Alangaa obbo Jawaar Mahaammadfaarratti dhaddacha cufaan ragaa dhageessiisuuf gaafaate kuffise

62

Finfinnee, Bitootessa 282013 (TOI) - Manni Murtii Olaanaa Federaalaa ramaddii Lidataa gaaffiin Abbaan Alangaa obbo Jawaar Mahaammadfaarratti dhadhacha cufaa fi golga duubaan ragaa dhageessiisuuf gaafaate kufaa taasiise.

Abbaan Alangaa beellama darbeen bu’uura labsii ragaa dhageessisuu abbaa alangaan nageenya ragaa baatootaaf jecha adeemsa dhaddacha cufaan ragaan akka dhaga’amuuf iyyannoo dhiyeeffatee ture.

Manni Murtichaa Dhaddacha har'a ooleen obbo Jawaar Mahaammad dabalatee bakka shakkamtoonni hundi argamanitti dhimma isaanii ilaaleera.

Haaluma kanaan Abbaan Alangaa beellama darbeen bu’uura labsii ragaa dhageessisuu abbaa alangaa lakkoofsa 699/2003, keewwata 4 muraa 1tiin ragaa baatoonni 146 dhaddacha cufaan ragaa akka dhageessiisan gaafateera.

Yaa ta'uutii abbaan Alangaa ragaa baatoonni kunneen golga duubaan ragaa akka dhageessiisan sababa wanta ta’u ragaa quubsaa kan hin dhiyaanne ta’uu isaan Manni Murtichaa ragaa baatoonni kunneen dhaddacha banaan ragaa akka laataan murteesseera.

Gama biroon manni murtichaa gaaffii himatamtoonni maqaan ragaa baatootaa akka tarreeffamuuf gaafatan nageenyaa ragaa baatoota kanneeniif jecha gaafficha kuffiseera jedhame.

Manni Murtii Olaanaa Federaalaa ramaddii Lidataa dhaddacha 1ffaa farra shororkeessummaa fi seera dhimmoota mootummaa gaafficha qorachuun murtee laateera.

Bu’uuruma kanaan maqaan ragaa baatootaa osoo hin tarreeffamniin dhaddacha banaana ragaa akka dhageessiisan murteesseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015