Pop Firaansis talaalliin vaayirasii koroonaa biyyoota hiyyeeyyiif akka qaqqabuuf waamicha taasisan.

48

Finfinnee,Bitootessa 27/2013(TOI)- Phaaphaasiin Kaatolikii Roomaa Pop Firaansis talaalliin vaayirasii koroonaa biyyoota hiyyeeyyiif akka qaqqabuuf hawaasa idil-adduunyaaf waamicha dhiyeessan.

Pop Firaansis kana kan jedhan ayyaana du’aa ka’uu dhiyeenyatti kabajamuu ilaalchisuun yeroo Hordoftoota amantichaaf ergaa dabarsanittidha.

Pop Firaansis qaamoolee talaallicha bituu hin dandeenyeef garagaarummaan tokkoo osoo hin uumamiin akka qaqqabuufi waamicha kan dhiyeessan.

Keessumaa kutaalee hawaasaa saaxilamoo ta’an xiyyeeffannoon addaa isaan barbaachisa jechuusaanii barruun ‘the Times’ gabaaseera.

Umriin isaanii waggaa 84 kan ta’e Pop Firaansis talaallicha kan fudhatan yoo ta’u, Vaatikaan kutaalee hawaasaa hiyyeeyyiifi lammiilee daandirraa jiraatan talaalchisuu jalqabuu himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015