Imaammanni Dhaabbilee sab-qunnamtii haaraan dhaabbilee sabqunnamtii daldalaa kan babal’isuudha - ENA Afaan Oromoo
Imaammanni Dhaabbilee sab-qunnamtii haaraan dhaabbilee sabqunnamtii daldalaa kan babal’isuudha
Finfinnee, Bitootessa 21/2013(TOI) - Imaammanni Dhaabbilee sab-qunnamtii haaraan dhaabbilee sabqunnamtii daldalaa kan babal’isuu ta’uu, Abbaan Taayitaa Dhaabbilee Sab-qunnamtii beeksise.
Manni maree dhaabbilee sab-qunnamtii Itiyoophiyaa ‘imaammata miidiyaa Itiyoophiyaarratti yaadota ijoofi tamsasa beeksisaarratti gahee dhimmamtootaa’ mata duree jedhurratti ogeeyyii damichaa waliin mari’ateera.
Hoogganaan waajjira Abbaa Taayitaa Dhaabbilee sab-qunnamtii Itiyoophiyaa,Obbo Gizaawu Tasfaayee marii kanarratti barreeffama ka’umsaa dhiyyeessaniiru.
Biyyattitti Imaammanni dhaabbilee sab-qunnamtii of danda’e kan bahe murteewwan imaammataa 22 ta’an hammachuun akka ta’ee himaniiru.
Imaammanni Dhaabbilee sab-qunnamtii haaraan dhaabbilee sabqunnamtii daldalaa ni babal’isas jedhameera.