Dooniin Bo'oo Suwiiz keessa torbee tokkoof danqamtee sochii eegalte

61

Finfinnee, Bitootessa 20/2013 (TOI)- Masriitti dooniin bo'oo Suwiiz keessatti torbee tokkoof danqamtee turte sochii eegaluun ishee ibsame.

Dooniin dheerina meetira 400 qabdu kun rakkoo teekinikaa ishee mudaterraan kan ka'e Kibxata darbe ture kan ulaa kana cufte.

Aangaa’oonni biyyatti dooniitti guutuumma guutuun sochoosuuf hojii dabalataa hojjechuu himaniiru.

Wal jijjiirraan daldalaa cimaa kan itti gaggeeffamuu bo'oon Suwiiz sababa dooniittif torbanootaaf cufamee ture.

Kanaafis guyyaatti bittan shaqatootaa doolaara biiliyoona 9tti tilmaamamutti gufuu ta’ee turuu ibsameera.

Daddabarsa kanaan guyyaan gara dhihaa addunyaatti shaqatoonni gatii doolaaraa Ameerikaa biiliyoona 5.1 qaba kan socho’aan yoo ta’u gara bahaatti ammoo qabeenyi dolaarri biiliyoonni 4.5tti tilmaamaan ni daddabarfamaa jedhameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015