Hojjettoota mootummaatiif Madaalliin mirkaneessa ga'umsa ogummaa kennamuufi - ENA Afaan Oromoo
Hojjettoota mootummaatiif Madaalliin mirkaneessa ga'umsa ogummaa kennamuufi

Fifinnee,Bitootess 18/2013(TOI)-
Hojjattoonni mootummaa Ebla bara 2013 dhufurraa eegalee madaalli gahumsa ogummaa mirkaneessu akka fudhatan Komishiniin Siviil Sarviisii Federaalaa beeksise.
Komishinarri Komishinii Siviil Sarviisii Bazaabbih Gabrayyas akka ibsanitti, madaalliin mirkaneessa ga'umsa ogummaa kun hojjetoota haaraafi buleeyyii maraaf kennama.
Madaalliin Mirkaneessa gahumsa ogummaa dhaabbilee tokko tokkotti kennamaa ture haaraa kanaan kan hammatamu ta’uufi dhaabbileen dhuunfaan kennuu barbaadan komishinicha wajjin waliigaluu akka danda’anis himaniiru.